Ijaarsi biyyaa dhimma yeroo tokkoo ykn bara tokkoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa dhalootaa ciminaan fi tokkummaan hojjetamuudha – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ijaarsi biyyaa dhimma yeroo tokkoo ykn bara tokkoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa dhalootaa ciminaan fi tokkummaan hojjetamuudha – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sadaasa 4/2019 (ENA) – Ijaarsi biyyaa dhimma yeroo tokkoo ykn bara tokkoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa dhalootaa ciminaan fi tokkummaan dhaabbachuun hojjetamu ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Ministirri Muummee akka jedhanitti, hojiiwwan misoomaa raawwataman hundi, manneen jireenyaa dabalatee, kan yeroo dheeraa turanii, itti fufanii fi jireenya namoota hedduu qabatamaan jijjiiran ta’uu qabu.
Hojiiwwan hanga ammaatti jalqabamanis galma kana milkeessuun akka danda’amu qabatamaan kan agarsiisan ta’uu dubbataniiru.
Badhaadhinni biyyaalessaa karoorfame dhugoomuu kan danda’u jireenya haadholii fi lammiilee galii gadi aanaa qabanii fooyyessuu yeroo dandeenyu qofa ta’uu hubachiisaniiru.
Lammiileen qabeenya uumuu danda’an akka guddatan fi ciman taasifamaa osoo jiranii, qabeenyi uumamu kun jireenya nama hundaa akka fooyyessu, akkasumas lammiileen hundi sadarkaa fi dandeettii isaaniitiin haala jireenyaa isaanii akka fooyyeffatan sirna haqaa qabeessa ijaaruun kaayyoo ijoo ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan dameewwan hundaan abdii bal’aa akka qabdu daawwannaa biyyoota alaa keessatti taasifaman fi hojiiwwan milkaa’inaan biyya keessatti jalqabaman irraa hubachuun akka danda’amu dubbataniiru.
Hojii malee karaa kamiinuu jijjiiramni dhufuu waan hin dandeenyeef, hanqinoota jiran sirreessaa fi fooyyessaa, hojii cimaa fi tokkummaan yoo tattaafanne, waggoota muraasa keessatti biyyoota biroo waliin dorgomuu dandeessu, biyya bareedduu fi badhaate ijaaruun akka danda’amu ibsaniiru.
Ijaarsi biyyaa dhimma yeroo tokkoo ykn bara tokkoo osoo hin taane, itti gaafatamummaa dhalootaa ciminaan fi tokkummaan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.