Tamsaasa Kallatti:

Dr. Fitsum Asaffaa itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii Aleksaandar De Kiruu waliin mari’atan

Sadaasa 4/2019 (ENA)- Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii (UNDP) Aleksaandar De Kiruu waliin marii gamlamee bu’a qabeessa ta’e tasisaniiru.

Yaa’ii COP31 Antaaliyaatti gaggeeffamu cinaatti marii taasifameen tumsa haala qilleensaa fi hojiilee misoomaa fulla’aa ilaalchisuun tumsa isaanii cimsuu haala dandeessisurratti mari’ataniiru.

Keessumaa, Itiyoophiyaa fi UNDP’n  dameewwan faayinaansii jijjiirama qilleensaa, invastimantii fi dandeettii jijjiirama qilleensaa dandamachuu guddisuu irratti hariiroo yeroo dheeraa qaban caalaatti cimsanii itti fufuuf carraawwan jiran irratti yaada wal jijjiiraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015