Lammiileen salphaatti mana akka bitatan baankotaa fi gurmaa’insoota fandii faayinaansii waliin qindaa’uun haalli keessa jiraachaa kaffalan mijeeffamaa jira-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen salphaatti mana akka bitatan baankotaa fi gurmaa’insoota fandii faayinaansii waliin qindaa’uun haalli keessa jiraachaa kaffalan mijeeffamaa jira-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiileen salphaatti mana akka bitatan baankotaa fi gurmaa’insoota fandii faayinaansii waliin qindaa’uun haalli keessa jiraachaa kaffalan mijeeffamaa akka jiru Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, manneen jireenyaa miiliyoona 1 tuqaa 5 sadarkaa biyyaalessaatti ijaaruuf taasifamaa jiru keessatti, meeshaalee ijaarsaa kanneen akka sibiilaa, geejjibaa fi seraamikaa biyya keessatti oomishuuf dandeettii oomishaa guddisuurratti xiyyeeffannoon bal'aan kennamee hojjetamaa jira.
Adeemsa ijaarsa manneenii keessatti sirni faayinaansii fi tajaajilli liqii morgaajii waliin yoo hin diriirfamin, lammiileen manneen sana salphaatti bitachuu akka hin dandeenye ibsaniiru.
Kanaaf, baankotaa fi dhaabbilee faayinaansii waliin qindoominaan hojjechuun, lammiileen manneen keessa jiraachaa kaffaltii isaanii suuta suutaan akka raawwatan sirni mijataan diriirfamaa jiraachuu eeraniiru.
Mootummaa fi damee dhuunfaa waliin ta'uun, Finfinnee keessatti qofa manneen kuma 100 ol ijaarsi isaanii jalqabamee, yeroo waggaa tokkoo gaditti haala gaariin xumuramuu isaanii ibsaniiru.
Keessumaa naannolee akka Markaatoo qixal taraatti jijjiiramni saffisaa ijaarsa manneenii fi jireenya hawaasaa keessatti mul'ate bu'aa guddaa yeroo gabaabaa keessatti argame ta'uu ibsanii, manneen kuma 100 kunneen erga xumuramanii booda muuxannoon argame kun bal'inaan akka itti fufu dubbataniiru.
Itiyoophiyaa keessatti jireenya qonnaan bultootaa baadiyyaatti fooyyessuu, akkasumas rakkoo lammiilee magaalota keessatti tajaajila bu'uuraa osoo hin argatin jiraatanii furuuf manneen jireenyaa miliyoonaan lakkaa'aman akka barbaachisan ibsaniiru.
Hanqina guddaa kana furuuf maallaqa qofa osoo hin taane beekumsa, dizaayinii qulqullina qabuu fi ijaarsa waaraa ta'e waan barbaachisuuf, hojii kana saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi tumsaa fi qindoominaan akka hojjetan ministirri muummee hubachiisaniiru.