Tamsaasa Kallatti:

Magaalaan Jimmaa guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa keessummeessuuf qophiirra jirti

Sadaasa 4/2019 (ENA)- Guyyaa sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa 21ffaa keessummeessuuf qophiirra kan jirtu magaalaan Jimmaa misooma kooriidaraa boqonnaa lammaffaatiin magaalattii miidhagsuun gamatti carraa hojii hedduu uumaa akka jirtu jiraattonni dubbatan.

Jiraattonni ENA’f yaada kennanakka ibsanitti, misoomni kooriidarii miidhagina magaalattii dabaluun sirna tiraafikaa si’achiisuun olitti daldala dadammaqsaa jira.

Obbo Miliyoona Zallaqaa, misoomni koridaraa bifa magaalaa fooyyessuu bira darbee, wiirtuulee daldalaa babal’isuu fi balaa tiraafikaa hir’isuun jiraattotaaf naannoo mijataa uumuu isaa ibsaniiru.

Dargaggoo Naaziif Biyaa gama isaatiin, misooma koridaraa kanaan carraa hojii argatee hojjechuun baasii maatii isaa danda’aa akka jiru ibsuun, misoomichi dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu dubbateera.

Obbo Ahimad Bushuraa immoo, bifa magaalattii fooyya’uu fi wiirtuuleen daldalaa babal’achuun daldala isaanii guddisuuf carraa gaarii uumuu isaa ibsaniiru.

Obbo Damallaash Zawudee gama isaaniin, magaalaan Jimmaa waggoota hedduu booda sadarkaa ishee eeggateen misoomaa fi bareedaa jiraachuun isaa akka isaan gammachiise dubbataniiru.

Misoomni koridaraa magaalaa Jimmaa boqonnaan jalqabaa kan xumurame yoo ta’u, boqonnaa lammaffaa ammoo ayyaana guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattoota Itoophiyaa 21ffaa Fulbaana 29 dhufu magaalaa Jimmaatti kabajamuuf qophaa’aa akka ta’uuf hojiiwwan xumuraa hojjetamaa jiru.

Jiraattonni magaalattii misoomni kun hirmaattotaa fi keessummoota ayyaanichaaf bifa magaalaa bareedaa gochuu bira darbee, ayyaanicha booda illee bu’aa misoomaa waaraa magaalattii fi jiraattota isheef argamsiisa jedhanii akka abdatan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015