Guyyaan Sabootaa, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa mariin biyya cimsuu fi biyya qaroomtuu ijaaruuf gahee murteessaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Sabootaa, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa mariin biyya cimsuu fi biyya qaroomtuu ijaaruuf gahee murteessaa qaba
Sadaasa 4/2019 (TOI) – Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa qabeenya garaagarummaa fayyadamuun, mariin biyya cimsuu fi biyya qaroomtuu ijaaruuf gahee murteessaa akka qabu af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Mufarihaat Kaamil ibsan.
Guyyaan saboota, sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa 21ffaan mata duree “Itiyoophiyaa sabdaneessummaan miidhagde, mariidhaan dhaabbattee fi qaroomte” jedhuun Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Jimmaatti ni kabajama.
Ayyaanni kun guyyoota shaniif kan turu yoo ta’u, Sadaasa 21 Guyyaa Obbolummaa, Sadaasa 26 Guyyaa Waloomaa, Sadaasa 27 Guyyaa Oromiyaa, Sadaasa 28 Guyyaa Marii fi Sadaasa 29 Guyyaa Itiyoophiyaa jedhamee moggaafameera.
Af-yaa’ittiin akka ibsanitti, mata dureen bara kanaa waadaa waloo, karooraa fi hubannoo uumuun garaagarummaa akka qabeenyaatti, marii immoo akka qaroominaatti kan ilaaludha.
Dabalataanis, Itiyoophiyaa birmadummaa guutuu ishee kan mirkaneessite, oomishtuu, dursituu fi qaroomtuu taate ijaaruuf karoorri dhalootaa waggaa 25 qophaa’uu ibsaniiru.
Garaagarummaan yoo sirnaan hogganame kalaqa, gahumsaa fi jijjiirama biyyaaf qabeenya murteessaa ta’uu akka danda’us hubachiisaniiru.
Saboonni, sablammootaa fi ummattoonni Itiyoophiyaa ijaarsa sirna federaalaa keessatti gahee murteessaa akka qaban kan ibsan Mufarihaat, garaagarummaa kunuunsuu fi misoomaaf oolchuun madda guddinaa taasisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Guyyaan Sabootaa fi Sablammootaa ummattoonni kan ittiin wal baran, garaagarummaa isaanii hubatanii fi mariidhaan waliigaltee waliinii irratti itti uuman ta’uu isaas ibsaniiru.
Dhumarrattis, guyyaan kun ayyaana kabajuu qofa osoo hin taane, tokkummaa mariidhaan cime, misooma hirmaachisaa fi hammataa mirkaneessuun badhaadhina waaraa fi ijaarsa biyya qaroomtuuf bu’uura kan kaa’u ta’uu isaa hubachiisaniiru.