Tamsaasa Kallatti:

Hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf mariin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyib Erdogaan gidduutti taasifame carraa gaarii uumeera

Sadaasa 4/2019 (ENA)- Hariiroon Itiyoophiyaa fi Turkiyyee sadarkaa olaanaatti akka guddatuuf mariin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyib Erdogaan gidduutti taasifame carraa gaarii uumuusaa itti gaafatamaan sekreetariyaatii miidiyaa waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsaniiru.

Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP31) Turkiyyee magaalaa Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira.

Itti gaafatamtuun waajjira sakireetariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyuum hojiiwwan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti raawwatanii fi qophii Itiyoophiyaan COP32 keessummeessuuf taasisaa jirtu, akkasumas adeemsa ijaarsa maqaa gaarii biyyaalessaa irratti ibsa kennaniiru.

Akka ibsa isaaniitti, Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad turtii Turkiyyee marii gamlamee Pirezidaantii Turkii Resiip Xayiip Erdogaan waliin taasisuun jalqabaniiru.

Itiyoophiyaa fi Turkiyyeen dameewwan dippilomaasii, diinagdee fi kanneen biroo irratti seenaa dheeraa tumsaa fi hariiroo  akka qabanibsaniiru.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo garaagaraatti Turkiyyee daawwachuu fi waltajjiiwwan adda addaa irratti hirmaachuu isaanii yaadachiisaniiru.

Bara darbes Pirezidaantiin Turkiyyee Resiip Xayyip Erdogaan garee mootummaa olaanaa waliin Itiyoophiyaa daawwachuun hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti guddisuuf mariin taasifamuu ibsaniiru.

Mariin Turkiyyee Antaaliyaa keessatti taasifame kunis dhimmoota kanaan dura irratti waliigalame irratti hanga ammaatti guddinni argame maal akka ta'e gamaaggamuuf carraa gaarii ta'uu ibsaniiru.

Kana malees, Itiyoophiyaan bara dhufu COP32 keessummeessuuf waan jirtuuf, muuxannoo Turkiyyeerraa argachuu dandeessuu fi deeggarsa barbaachisaa ta'e akkamitti argachuu akka dandeessu irratti mariin bal'aan taasifamuu eeraniiru.

Turkiyeen qophii COP32 irratti Iiytoophiyaaf deeggarsa barbaachisaa ta'e hunda gochuuf qophii ta'uu mirkaneessiteetti.

Dhimma qophii yaa’ichaa ilaalchisee Turkiyyeen Itiyoophiyaaf kabaja guddaa kennuun deeggarsa barbaachisaa ta'e akka godhan kutannoo qabaachuu ishee ibsuun isaanii Billanee Siyyum himaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015