Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan Ida’amuu dandeettii raawwachiisummaa humna nageenyaa guddisuu bira darbee, bu’aa misoomaa irraa akka fayyadaman taasisaa jira – Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el

Sadaasa 3/2019 (ENA)-Mootummaan Ida’amuu dandeettii raawwachiisummaa humna nageenyaa guddisuu bira darbee, fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee isaanii mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan.

Bulchiinsa Magaalaa Sandafaa Baakkee keessatti hoggantootaa fi miseensota Poolisii Federaalaa kuma 1 fi 600 ol ta’aniif lafti ijaarsa mana jireenyaa kennameera.

Komishinarri Jeneraal Damallaash wayita kana akka ibsanitti, lafti mana jireenyaa kun fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee miseensota poolisii guddisuu bira darbee, gahee isaan birmadummaa biyyaa fi kabaja lammiilee eeguu keessatti qaban ni cimsaa.

Pirezidaantiin Yunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa doktar Taammiraat Mulugeetaa gamasaaniin, dabarsiin lafa kanaa tattaaffii mootummaa naannichaa fi hoggantootaan argame ta’uu ibsanii, miseensonni poolisii kuma 1 fi 600 ol ta’an irraa fayyadamoo akka ta’an dubbataniiru.

Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Sandafaa Baakkee Obbo Abbii Tafarraas miseensota poolisiitiif lafa dhiyeessuu isaaniitti gammaduu ibsanii, gara fuulduraattis deeggarsa barbaachisaa ta’e akka taasisan mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015