Godinichatti sanyii beelladaa fooyyessuun faayidaa damee kanarraa argamu guddisuuf hojiiwwan hojjetaman bu'aa agarsiisaa jiru - ENA Afaan Oromoo
Godinichatti sanyii beelladaa fooyyessuun faayidaa damee kanarraa argamu guddisuuf hojiiwwan hojjetaman bu'aa agarsiisaa jiru
Sadaasa 3/2019(ENA)-Godina Kibba Bahaa Oromiyaatti sanyii beelladaa fooyyessuun faayidaa damee horsiisa beelladaa irraa argamu guddisuuf hojiiwwan hojjetaman bu'aa agarsiisaa dhufuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Godinichatti hojii sanyii loon aannanii mala namaatiin fooyyessuu Aanaa Goobaatti gaggeeffameera.
Qonnaan bultoonni Aanaa Gobbaa, kanaan dura loon naannoo hedduminaan qabaatus, oomishaa fi bu’aan isaan irraa argachaa turan baay’ee xiqqaa ta’uu himan.
Haa ta’u malee, yeroo ammaa mala saayinsawaafayyadamuun loon diqaalomsuun sanyii fooyya’oo ta’an horsiisuu eegaluusaanii fi kanaan bu’aa gaarii argachaa jiraachuusaanii ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Goobbaa, Obbo Abbabaa Getaachoo, aanichatti erga sanyii loonii fooyyessuun jalqabamee as qonnaan bultoonni faayidaa guddaa arggachaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu, mala saayinsawaa diqaalomsuu fayyadamuun sanyii loonii fooyyessuun oomisha aannaniifi foonii dabaluuf carraa bal’aa uumuu himaniiru.
Akkasumas, bara kana bu’aa loon irraa argamu dachaan dabaluuf aanichatti looniin kuma 20 ol mala saayinsawaa diqaalomsuun sanyii isaanii fooyyessuun fayyadamummaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota aanichaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuusaanii dubbataniiru.
Itti gaafatamaan Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Kibba Baha Oromiyaa, Obbo Zalaalam Alamaayyoo, godinichatti karoora addaa gama sanyii beeyladoota aannaniifi foonii fooyyessuun qabame milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Karoora kanaan, oomishaafi oomishtummaa beeyladootaa guddisuun galii maatii qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa dabaluun imala badhaadhina maatii dhugoomsuuf hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jiraachuusaanii himaniiru.
Dabalataanis, bara kana godinichatti loon kuma 900 ol mala saayinsawaa diqaalomsuu fayyadamuun sanyii isaanii fooyyessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii sanyii beeyladootaa fooyyessuu kanaan oomisha aannaniifi foonii guddisuun galii qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa dabaluun akkasumas, fayyadamummaa maatii isaanii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeran.