Itoophiyaan biyya injifattootaati – Ittaanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan biyya injifattootaati – Ittaanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Dorgommii Olompiikii dargaggootaa Daakar Senegaalitti gaggeeffameen gabatee medaaliiyaa Atleetiksii addunyaarratti 1ffaa ta'uun xumuruu keenyaan baga gammadan!
Biyyoonni keenya Taphoota Olompiikii Dargaggoota Addunyaa 2026 Daakaritti gaggeeffamanirratti ijoolleen keenya qaaliin dorgommii Atleetiksii fiigichaatiin warqee 5 fi meetii 3 injifachuun biyya gammachiisaniiru.
Dargaggoonni keenya Itoophiyaan isiniin ni boonteetti.
Damee Isportii kanaarratti ijoollee xixiqqoo irratti jabaannee hojjennaan sadarkkaa Ardiittii fi addunyaarratti gara kabajaa fi olka'umsa keenya duraatti kan deebinu ta'uun isaa fagoo miti, milkaa'inni kunis kanuma agarsiisa jedhaniiru.
Mootummaan Ida’amuu waadaa sabaaf gale eeguun, babal'ina bu'uuraalee misoomaa Ispoortii kutaa biyyichaa garaagaraatti ijaaraa jira.
Kunis lammii Ispoortiin , gahumsa qabu, oomishataa fi lammii bu'aa qabeessa uumuun kabaja sadarkaa addunyaarratti injifannoon qabnu gara sadarkaa olaanaatti kan guddisu; maqaa keenya olkaasuu dandeessisuu atileetota horachuun bu'a qabeessummaa keenya kan caalaatti mul'isudha.
Olompikiin Daakar bu'aan gaariin akka argamuuf qooda keessan gumaachitan hundaaf galata kiyya dhiyeessaa, irra deebi'uun baga gammaddan!
Baga gammanne jedhaniiru ergaa fuula miidiyaa hawaasaummaa isaaniin dabarsaniin.