Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Yaa’ii COP31 Turkiyyee Magaalaa Antaliyaatti,gaggeeffamu cinaatti, marii gam lamee gaggeessan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri dhimma alaa Itoophiyaa Yaa’ii COP31 Turkiyyee Magaalaa Antaliyaatti,gaggeeffamu cinaatti, marii gam lamee gaggeessan
Yaa’ii COP31 Turkiyyee Magaalaa Antaliyaatti,gaggeeffamu cinaatti, Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa fi Preezidaantiin Filatamaa COP32 Dr. Geediwon Ximooteewos akkasumas Ministeerri Maallaqaa fi gaggeessaa COP32 Dr. Fitsum Asaffa Ministira Dhimma Alaa Yunaayitid Kingidim Eed Miliibaand waliin marii gam- lamee biyyaalessaa taasisaniiru.
Maricharratti, Pireezidaantiin filatamaa Dr. Geediwon Ximooteewos Itoophiyaan damee jijjiirama qilleensaa keessatti hojiiwwan qabatamaa hojjetaa jirtu ibsuun, jijjiirama haala qilleensaaf sababa kan ta'an gadi lakkifama gaazota miidha geessisanii hir’isuuf barbaachisummaasa irratti xiyyeeffannoo kennaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Kingidim Eed Miliibaand gamasaaniitiin, gadi lakkifama gaazota miidha geessisanii hir'isuun qormaatilee jijjiirama qilleensaa furuuf murteessaa ta'uu ibsuun, damee kana keessatti Yunaayitid Kingidim Itoophiyaa wajjin dhiyeenyaan hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsaniiru.
Akkasumas qophii COP32 fi dhimmoota dursi kennamuufii qaban Itoophiyaatiif deeggarsa gochuuf biyyisaanii qophii ta'uu mirkaneessaniiru.