Milkaa’ina Dippiloomaasii Itoophiyaa COP31 Irratti - ENA Afaan Oromoo
Milkaa’ina Dippiloomaasii Itoophiyaa COP31 Irratti
Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Addunyaa COP31 Turkiyyee, magaalaa Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira.
Mootummaan Ida’amuu furmaata jijjiirama haala qilleensaa waliin walsimu bal’inaan hojiirra oolchaa jira.
Waltajjii kanarratti Mootummaan Ida’amuu sagalee Itoophiyaa dhageessisuu bira darbee, hariiroo gamlamee fi tumsa biyyoota garaagaraa waliin qabu cimsuuf sochii dippiloomaasii bal’aa taasisurraatti argama.
Itoophiyaan dhiibbaa jijjiirama qilleensaa kana qolachuu fi dandeettii dandamachuu hawaasummaa fi dinagdee cimsuuf hojiiwwan qabatamaa bal’inaan hojjechaa jirti.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, dinagdee magariisaa ijaaruu, madda humna haaromfamaa babal’isuu fi qonna haala jijjiramaa qilleensaa dandamatu irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan ijoo biyyattiin hojjechaa jirtu keessaa isaan gurguddoo dha.
Itoophiyaan dhimma jijjiirama qilleensaa COP31rraatti hirmaattuu qofa osoo hin taane, marii fi hojii idil-addunyaa keessatti gahee guddaa bahachaa jiraachuu ishee kan agarsiisudha.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin marii gamlamee taasisuun, fedhii biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuu, tumsa idil-addunyaa cimsuu fi qophii Itoophiyaan Pirezidaantummaa COP32 fudhachuun taasisaa jirtuurratti xiyyeeffataniiru.
Mariileen gamlamee Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad COP31 cinaatti hoggantoota biyyoota adda addaa waliin taasisan,hariiroo biyyoota lameenii, nageenya naannawaa, dinagdee fi dhimmoota idil-addunyaa walitti hidhuun kan hojjetu ta’uu mul’isu.
Yeroo addunyaan qormaata jijjiirama qilleensaa, walitti bu’iinsaa fi rakkoolee dinagdee adda addaa keessa jirtutti, Itoophiyaan tumsaafi mariin furmaata waaraa argamsiisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu waltajjii idil-addunyaa irratti cimsitee ibsaa jirti.
Dabalataanis, COP31 irratti qophii Pirezidaantummaa COP32 keessummeessuuf taasisaa jirtu ibsuun, gahee ishee dippiloomaasii jijjiirama qilleensaa keessatti qabdu caalaatti guddisteetti. Doktar Abiyyi Ahimad, COP32 keessatti tarkaanfii dursaa fudhachuu, deeggarsa maallaqaa iftoomina qabu mirkaneessuu fi hawaasa jijjiirama qilleensaan miidhaa hamaa irra ga’e bira ga’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Mariileen gamlamee COP31 cinaatti gaggeeffaman milkaa’ina dippiloomaasii Itoophiyaa keessaa isa tokko ta’uun isaanii ifaadha. Hariiroo biyyoota garaagaraa waliin qabdu cimsuun, nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf hojjechuun, akkasumas waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti fedhii biyyaalessaa ishee kabachiisuun, Itoophiyaan dippiloomaasii bu’a qabeessa ta’e milkeessaa jiraachuu ishee mirkaneessa.
COP31 kanaanis, Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa, nageenya, misoomaa fi tumsa idil-addunyaa walitti hidhuun biyyoota garaagaraa waliin hariiroo bu’a qabeessa ta’e ijaaruu keessatti gahee ishee caalaatti mul’isaa jirti.
Ministirri Muummee yaa’ii hoggantootaa COP31 cinaatti hoggantoota Turkiyyee, Noorwey, Fiinlaand, Baarbeedoos, Bostwaanaa, Somaaliyaa, Qataar fi Iraaq waliin mari’ataniiru.
Mariileen kunneen hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu, jijjiirama qilleensaa dandamachuuf hojiilee waloo hojjechuu, invastimantii anniisaa haaromfamuu, tumsa damee aviyeeshinii, nageenyaa fi tasgabbii naannoo akkasumas deeggarsa Pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaan fudhattuuf taasifamu irratti xiyyeeffataniiru.
Pirezidaantii Turkiyyee Rajab Xayyib Erdoogaan waliin marii taasisaniin, hariiroo biyyoota lamaanii, keessumaa dameewwan daldalaa, invastimantii fi tumsa biroo keessatti jiru caalaatti cimsuu irratti mariyataniiru. Turkiyyeen gama isheetiin hariiroo Itoophiyaa waliin qabdu daran guddisuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf tumsa kennuu itti fufuuf kutannoo qabdu ibsiteetti.
Ministira Muummee Noorwey Joonas Gaar Isteer waliin marii taasisaniin ammoo, tumsa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti jiru caalaatti cimsuu, damee anniisaa haaromfamuu Itoophiyaa keessatti invastimantii jajjabeessuu fi Pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaan fudhattuuf deeggarsa Noorwey taasistu itti fufsiisuu irratti xiyyeeffataniiru. Dabalataanis, dhimmoota yeroo ammaa, idil-addunyaa fi naannawaa irratti yaada waljijjiiraniiru.
Pirezidaantii Fiinlaand Aleksaandar Siitab waliin marii taasisaniinis, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii addunyaa, jijjiirama haala naannoo fi fedhiiwwan waloo irratti mariyataniiru. Keessumaa, deeggarsa Pirezidaantummaa COP32 Itoophiyaan fudhattuuf taasifamu dabalatee, waliigalteewwan dameewwan adda addaa irratti tumsa itti fufiinsa qabuutti jijjiiruuf xiyyeeffannoo kennaniiru.
Ministira Muummee Baarbeedoos Miyaa Mootlii waliin marii taasisaniinis, tumsa damee aviyeeshinii fi deeggarsa Baarbeedoos Itoophiyaan Pirezidaantummaa COP32 milkeessuuf taasiftu irratti xiyyeeffataniiru. Mariin kun hariiroo biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu fi dhimmoota fedhii waloo gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf carraa jiru kan agarsiise ta’uu ibsaniiru.
Pirezidaantii Bostwaanaa Duumaa Geediyoon Bookoo waliin marii taasisaniinis, qormaatilee jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf biyyoonni lamaan tarkaanfiiwwan fudhachaa jiran, akkasumas tumsa COP32 irratti qaban cimsuu irratti mariyataniiru. Kana malees, ajandaa tumsa qilleensaa Afrikaa itti fufsiisuu fi dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii biroo irratti yaada waljijjiiraniiru.
Akkasumas, Amiira Qataar Sheekh Tamiim Bin Haamad Aal Taanii waliin marii taasisaniiru. Mariin isaanii hariiroo yeroo dheeraa biyyoota lamaanii caalaatti cimsuu fi dameewwan dandeettii misooma waloo qaban irratti tumsa isaanii guddisuuf carraawwan jiran irratti xiyyeeffateera.
Pirezidaantii Iraaq Niizaar Amiidii waliin marii gamlamee taasisaniinis, hariiroo biyyoota lamaanii cimsuu, dameewwan tumsa misoomaa keessatti dandeettii waloo qaban gara bu’aatti jijjiiruu fi karoora misoomaa Itoophiyaa irratti yaada waljijjiiraniiru. Akkasumas, dhimmoota naannawaa fedhii waloo ta’an irratti mariyachuun, tumsa hojiirra oolmaa irratti hundaa’e cimsuuf walitti hidhamiinsa jabaa ijaaruun barbaachisaa ta’uu irratti mariyataniira.
Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheekh Mahamuud waliin marii taasisaniinis, haala nageenyaa Somaaliyaa, jijjiirama naannichaa fi barbaachisummaa marii fi tumsa itti fufiinsa qabuun nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaa mirkaneessuu irratti yaada waljijjiiraniiru.