Tamsaasa Kallatti:

Faayidaa fi Milkaa’ina Imala  Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa 

Itoophiyaan qormaatilee jijjiirama haala qilleensaan dhufu dandamachuuf tooftaawwan adda addaa  bocuun  erga hojiitti galtee oolee buleera.Itoophiyaanis  Qormaatilee  jijjiirama  haala qilleensaa gara carraawwan gaariitti jijjiiruuf kutannoon hojjechaa jirti. Kanaafis, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa fi tarsiimoon diinagdee magariisaa Itoophiyaan dhaloota dhufuuf naannoo qulqulluu fi jireenyaaf mijataa ta’e dhaalchisuuf tattaaffiin  taasisaa jirtu ifatti kan mul’atanidha. Bu’uuruma kanaan egeree  magariisaa Itoophiyaa ijaaruuf  karoorfamee hojiitti galameen   imalli  waggoota  saddeetii   Itoophiyaa jijjiireera.

 

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa sochii biyyaalessaa  Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin  jalqabamee  fi waggaa waggaan  qindaa’ee hojiirra oolaa  jiru , mul’ata guddaa Itoophiyaa gammoojjii ta’uu irraa baraaruu fi lafa magariisa ishee deebisanii ijaaruu of keessaa  qaba.


Waggoota saddeetan darban, bara 2011 irraa hanga 2018tti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaanota biyya keessaa fi biyya alaa jiran qindeessuun seenaa milkaa’inaa ajaa'ibsiisaan  galmaa’eera.

 Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin jalqabame, baay’ina  bosonaa yeroo kamiyyuu caalaa guddisuu fi gadi-lakkisa gaazota faalama qilleensaa hir’isuun gahee olaanaa bahateera.

Biqiltuuwwan biiliyoona hedduun dhaabaman lafa qullaa ture deebisanii dandamachiisuu, bishaan lafa jalaa akka deebi’ee argamu taasisuu, manca’insa biyyee ittisuu fi   lubbuu qabeeyyiin adda addaa (Biodiversity) deebi’anii  akka dagaagan  gochuu keessatti gahee guddaa gumaacheera.


 

Sagantaan kun bara 2011 kan jalqabame yoo ta’u, biqiltuuwwan biiliyoona 4 ol dhaabuun bu’uura Itoophiyaa magariisa har’aa kaa’eera. Bara 2012 immoo, kaka’umsa biyyaalessaan   mataduree ‘‘eeggachaa haa dhaabnu ” jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 5 ol dhaabamaniiru.

 

Fedhiin hawaasni naannoo magariisaan uwwisuu irratti qabu dabalaa dhufeera. Bara 2013, dhaadannoo “Itoophiyaa Magariisa haa taasisnu” jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 6.8 ol dhaabamaniiru. Bara 2014 immoo,   biqiltuuwwan biiliyoona 7.2 ol dhaabamaniiru.


Aadaan Ashaaraa Magariisaa hawaasa keessatti bu’uura  cimaa qabachaa dhufeera. Bara 2015, danbalii hawaasa bal’aa hirmaachisuun  biqiltuuwwan biiliyoona 7.5 ol dhaabamaniiru.

Bara 2016 immoo, mata-duree “Biyya dhaabdu, dhaloota kununsu” jedhuun biqiltuuwwan biiliyoona 7.5 ol  dachee  Itoophiyaa irratti dhaabamaniiru.

Itoophiyaanonni bara 2017 lakkoofsa  biqiltuu dhaabanii galma biyyaalessaa bira darbee, rikoordii  galmee addunyaas  cabsuun  biqiltuuwwan biiliyoona 8 ol dhaabuun danda’ameera.

 

Bara 2018  immoo  sagantaan kun imala guddinasaa dabalee itti fufuun biqiltuuwwan biiliyoona 8.5  dhaabuun danda’ameera.  Imalli Ashaaraa Magariisaa waggoota saddeetii kun injifannoo biyyaalessaa dinqisiisaa ta’ee, kutannoo Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa  dandamachuuf  qabdu kan agarsiisuudha.


Ashaaraan Magariisaa dhaala dhaloota boruuti; har’a haa dhaabnu, egeree  magariisa haa taasisnu jechuun imala  magariisummaa eegalte cimsitee  itti fuftee jirti.  kanaanis xiyyeeffannoo guddaa sadarkaa idil-Addunyaatti argatteettti.

Muuxannoon kun biyyoota ollaa kanneen akka Keeniyaa, Jibuutii, Somaaliyaa, Sudaan Kibbaa fi Sudaaniif biqiltuuwwan gumaachuu fi beekumsa waljijjiiruun jijjiirama haala qilleensaa waliin  dandamachuuf  fakkeenya guddaa ta’eera.

Gama biraatiin, Itoophiyaan gadi-lakkisa gaazota faalama qilleensaa to’achuun misooma qulqulluu fi itti fufiinsa qabu mirkaneessaa jirti.



 

Dhiyeessiin anniisaa biyyattii guutummaatti madda anniisaa haaromfamuu danda’an irratti kan hundaa’e waan ta’eef, anniisaa qulqulluu fayyadama biyya keessaa fi biyyoota ollaa biraan ga’uun danda’ameera.

Kana malees, Mootummaan konkolaattota elektirikii guutummaatti walitti qabamanii biyya alaatii galan  gibira gumurukaa  irraa guutummaatti  bilisa gochuun, hirkatummaa boba’aa fi baasii sharafa alaa hir’isuu  bira darbee qulqullina qilleensa magaalotaa eeguu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.

 Imala misooma magariisaa fi itti fufiinsa qabu kana sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuu fi sagalee Afrikaa dhageessisuuf Itoophiyaan yaa’ii Jijjiirama haala qilleensaa31ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP31),Turkiyyee  magaalaa Antaaliyaatti  gaggeeffamaa  jiru irratti  hirmaachaa jirti.


 

Waltajjii guddaa kana irratti Itoophiyaan saaxilamummaa  addaa  Afrikaa fi biyyoota guddachaa jiranii  jijjiirama qilleensaatiif  qabanii fi Addunyaatti  beeksisuun addunyaaf hubachiisuun  gumaachaa jirti.

Itoophiyaan yaa’ii Idil-addunyaa COP32 bara 2027tti gaggeeffamu   keessummeessuuf biyya filatamte ta’uu isheetiin, yaa’ii kana irraa muuxannoo keessummeessummaa COP, tajaajila loojistikii idil-addunyaa, akkasumas qophiiwwan nageenyaa fi geejjibaa irratti muuxannoo barbaachisaa ta’e argachuun itti gaafatamummaa seenaa  qabeessa  itti aanu fudhachuun  of qopheessiti.

Walumaagalatti, imalli misooma walitti hidhame Itoophiyaa misooma bosonaa, sirna qonnaa itti fufinsa qabu fi teeknooloojii geejjibaa qulqulluu waliin qindeessuun, dhaloota ammaaaf boqonnaa  diinagdee  haaraa  kennuu bira darbee addunyaa baraaruu fi ardii Afrikaaf fakkeenya ta’e, boqonnaa diinagdee itti fufiinsa qabu ijaaraa jirra.

Ashaaraan Magariisaa bu’uura misooma itti fufiinsa qabuuti; Itoophiyaan har’a magariisummaa dhaloota  egereef  magariisaa ijaaraa jirti!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015