Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa waliigaltee biyyaalessaa cimsuf gahee olaanaa qaba

Sadaasa 3/2019 (ENA)-Guyyaan Saboota, Sab-lammootaa fi Ummatootaa Itoophiyaa waliigaltee biyyaalessaa cimsudhaan Itoophiyaa badhaate dhugoomsuuf gahee olaanaa akka qabu, Itti aanaan Afa-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedamoo ibsan.

Guyyaan Saboota, Sab-lamoota fi Ummatootaa Itoophiyaa 21ffaan mata duree “ Itoophiyaa qaroomte danomaan faayamte , mariin waaromte" jedhuun Sadaasa 29 bara 2019 Naannoo Oromiyaa Magaalaa Jimmaatti ni kabajama.


Manni Mareen Federeeshinii mata dureen baranaa waadaa waloo ta’uu isaa hubachiisuun, karoora waloo fi hubannoo waloo uumuu kan dandeessisu xiinxala mata duree fi qopheeffamerratti marii tarsiimoo koomunikeeshinii qopheesseera.

Itti aanaan Afa-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedamoo wayita sana akka jedhanitti; Guyyaan Saboota, Sab-lamoota fi Ummatootaa Itoophiyaa walitti dhufeenya cimsa.

Dabalataanis ijaarsa seenessa waloo biyyaalessaa Itoophiyaatti akka cimuu fi tumsaan biyya badhaate dhugoomsuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.


Ijaarsa mootummaa biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti ummata bal’aa qooda fudhannaa olaanaarratti kan hirmaachisu ta’uu kaasanii, miidiyaaleen milkaa’ina isaatiif odeeffannoo qaqqabsiisuun gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru.

Kanaafuu, miidiyaaleen Itoophiyaa badhaateef dhugoomuuf odeeffannoorratti hundaa’uudhaan ummata biraan ga’uun gahee isaanii akka baatan gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015