Tamsaasa Kallatti:

Ashaaraan Magariisaa Itiyoophiyaa tattaaffii eegumsa jijjiirama qilleensaa addunyaatiif gumaacha olaanaa taasisaa jira – Hayyoota

Sadaasa 03/2019 (ENA) – Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu qofa osoo hin taane, tattaaffii sadarkaa addunyaatti jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasifamuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa ibsan.

Itiyoophiyaan naannolee manca'an deebisanii misoomsuu fi dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf bara 2011 irraa eegalee Sagantaa Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa hojiirra oolchaa jirti.

Sagantaan kun baay’inabosonaa guddisuu, manca'insa biyyee hir'isuu fi wabii nyaataa cimsuuf gumaacha taasisaa jira.

Barsiisaa fi qorataan Ikooloojii Yunivarsiitii Jimmaa doktar Xibbabuu Alamuu akka ibsanitti, sagantaan kun lafa manca'e deebisanii misoomsuu, baay’ina bosonaa babal'isuu fi balaa lolaa hir'isuu keessatti gahee olaanaa qaba.

 Kana malees hirmaannaa ummataa fi hariiroo hawaasaa cimsaa jira.

Barsiisaa fi qorataan Kutaa Eegumsa Qabeenya uumamaa kolleejjichaa Geetinnat Sayid gama isaaniin, hojii Ashaaraa Magariisaa hojiiwwan eegumsa biyyee fi bishaanii waliin qindoominaan raawwachuun qabeenya bishaanii, misooma jallisii fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Hayyoonni kun Itiyoophiyaan yaa'ii COP32 keessummeessuuf filatamuun ishee damee eegumsa naannoo fi misooma magariisaa irratti gahee qabdu sadarkaa idil-addunyaatti cimsuuf carraa dabalataa akka uumu hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015