Sanyiin filatamaa fi teeknooloojiin wiirtuu qorannoo qonnaa Qulumsaarraa arganne oomisha keenya guddisaa jira- Qonnaan bultoota - ENA Afaan Oromoo
Sanyiin filatamaa fi teeknooloojiin wiirtuu qorannoo qonnaa Qulumsaarraa arganne oomisha keenya guddisaa jira- Qonnaan bultoota
Sadaasa 03/2019 (ENA)-Qonnaan bultoonni godina kibba bahaa Oromiyaa aanaa Heexosaa sanyiin filatamaa fi teeknooloojiin ammayyaa wiirtuu qorannoo qonnaa Qulumsaarraaargatanitti fayyadamuun oomishnii fi oomishtummaan isaanii guddachaa jiraachuu ibsan.
Qonnaan bultoonni ENA’f yaada kennan Kanaan dura mala qonnaa aadaa fi sanyii fooyya’aa waan hin arganneef oomisha xiqqaa akka argatan dubbataniiru.
Wiirtuu qorannoo qonnaa kanarraa deeggarsa sanyii qamadii fi garbuu fooyya’aa, teeknooloojii fi gorsa ogeeyyotaa waan argataniif bu’a qabeessa ta’uusaanii dubbataniiru.
Qonnaan bulaan Bookii Dinquu, qorannoo qonnaa Qulumsaa waliin qindaa’uun hojjechuusaaniin bu’a qabeessa ta’aniiru.
Sanyii qamadii filatamaa wiirtuu qorannoo kun baay’ise, haala hojmaataa fi gorsa ogummaa argachuusaaniin hojii qonnaan bu’a qabeessa akka taanu nu gargaareera jedhan.
Bara oomishaa 2018/19 gorsarraa eegalee sanyii qamadii filatamaa fudhannee teeknooloojiitti fayyadamnee facaasuu keenyaan yeroo ammaa midhaan facaasan dhaabbii gaariirra jira jedhaniiru.
Wiirtuu qorannoo qonnaa Qulumsaa waliin tumsaan hojjechuu keenyaan oomishnii fi oomishtummaan keenya guddatee baay’ee fayyadamaa jirra kan jedhan ammoo qonnaan bulaa Nagaash Lammaati.
Sanyii filatamaa Qamadii fi Garbuu qorannoo qonnichaarraa bahan fudhannee oomisha gaarii argachaa jirra kan jedhan qonnaan bulaan kun, barana Qamadii heektaararraa kuntaala 50 ol akka abdatan eeraniiru.
Wiirtuu qorannoo qonnaa Qulumsaatti qorataan midhaanii obbo Hayiluu Mangistuu gamasaaniin, wiirtuun kun sanyii qamadii fooyya’aa 100 ol qorannoon argachuun qonnaan bulaa biraan gahuusaa ibsaniiru.
Keessumaa sanyiiwwan qamadii hongee fi dhukkuba dandamatan, ciidha xiqqoon yeroo gabaabaatti gahan kanneen akka Abbaayi fi Malkaa barsiisuusaanii dubbataniiru.