Qonna magaalaatti hirmaannee galii fooyya’aa argachuun fayyadamoo taaneerra-Qonnaan bultoota - ENA Afaan Oromoo
Qonna magaalaatti hirmaannee galii fooyya’aa argachuun fayyadamoo taaneerra-Qonnaan bultoota
Sadaasa 03/2019 (ENA)-Jiraattonni bulchiinsa magaalaa Adaamaatti qonna magaalaatti hirmaatan galii fooyya’aan achirraa argataniin fayyadamoo dinagdee ta’uusaanii ibsan.
Jiraattonni kunneen midhaan, kuduraa boroo, saawwan aannanii, horsiisa lukkuu, kanniisa horsiisuu fi misooma muduraatiin madda galiisaanii bal’ifataniiru.
Qonnaan bula Mangistuu Raggaasaa laga hawaas jallisiin fayyadamuun Qamadii, Shunkurtii fi Timaatima oomishuun galiisaanii guddifachaa akka jiran ibsaniiru.
Deeggarsa teekinikaa ogeeyyiin qonnaa taasisaniifitti gargaaramuun laga Hawaas maqsanii Qamadii, Shunkurtaa fi Timaatima misoomsuun madda galiisaanii guddifachaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaa Shuraa Baqqalaa yaada kennaniin, jallisiitti gargaaramuun Paappaayaa oomishuu eegaluusaanii fi galii fooyya’aa argachuuf hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.
Muduraa kana qonnaan bultoota birooo waliin ta’uun kilaastaraan misoomsaa akka jiran eeranii, bishaan jallisii fi galteewwan qonnaa sirriitti itti gargaaramuun oomishtummaasaanii guddisuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira qonnaa magaalaa Adaamaa obbo Alamuu Qilxuu akka jedhanitti, amma ammaatti jiraattonni kuma 30 ta’an inisheetiivota qonna magaalaa 13 irratti hirmaatanii fayyadamoo ta’aniiru.
Bulchiinsi magaalichaa gaagura ammayyaa,motora bishaanii fi deeggarsa teekniikaa dheheessuun damee kana cimsaa akka jiru ibsaniiru.
Walumaa gala qonni magaalaa carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa cimsuurra darbee fayyadama dinagdee jiraattotaa guddisaa jiraachiin ibsameera.