Tamsaasa Kallatti:

Fayyaan waan hunda Yoo akka tasaa nama gaggabdoon qabe arginu maalgochuu qabna?

 

1. Sochii ykn (hurgufamuu) qaamaa humnaan dhaabuuf hin yaaliinaa.

2. Wantoota miidhuu danda'an akka sibiila, dhakaa, waan qara qaban biraa fuudhaa.

3. Uffatni morma irratti jabaatee jiru akka karabaatii ykn mi'a miidhagina mormaa fi kkf hudhuu danda’an irraa baasaa ykn itti laaffisaa.

4. Yoo danda'ame waan laafaa akka kafana dadacha'aa mataa jala kaa'aa.

5. Afaan keessa quba, fal'aana, qoricha ykn wanta biraa hin kaa'iinaa.

6. Utuu gaggabdoon hin dhaabbatiin (utuu qaamni hurgufamaa jiruu) nyaata, bishaan ykn qoricha afaaniin hin kenninaa.

7. Erga gaggabdoon ykn sochiin qaamaa dhaabbatee booda suuta cinaachaan gara bitaatti ciibsaa.

8. Amma gaggabdoon dhaabbatutti biraa hin deemiinaa.

9. Erga gaggabdoon irraa dhaabbatee ofbaruu isaa/ishee mirkaneeffadhaa, tasgabeessaa.

Fayyaan Faaya

Biiroo fayyaa Oromiyaa irraa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015