Imaammanni qabeenya umamaa kaappitaala hawwachuu fi faayidaa yeroo dheeraa uumu irratti xiyyeeffachuu qaba-- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO - ENA Afaan Oromoo
Imaammanni qabeenya umamaa kaappitaala hawwachuu fi faayidaa yeroo dheeraa uumu irratti xiyyeeffachuu qaba-- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Oromiyaan carraa misooma anniisaa fi albuudaa qabdu invastimantii hawwachuu fi bu’uura dinagdee cimsuuf carraa ta’uu danda’a. Keessumaa misoomni anniisaa ji’ootermaalii fi dameen albuudaa kaappitaala, teknoolojii fi beekumsa teeknikaa barbaadu.
Kanaaf, qabeenya umamaa kana gara bu’aa dinagdeetti jijjiiruuf invastimantii dhuunfaa fi tumsa michoota misoomaa waliin hojjechuun kallattii imaammataa barbaachisaadha.
Garuu qabeenya umamaa qabaachuun qofti bu’aa misoomaa hin mirkaneessu.
Pirojektoonni dameewwan kana keessatti gaggeeffaman haal-duree teeknikaa, faayinaansiifi eegumsa naannoo irratti hundaa’anii qophaa’uu, akkasumas faayidaa dinagdeefi hawaasummaa isaanii madaaluu qabu.
Qindoominni mootummaa fi invastarootaa, dandeettii ogummaa guddisuun, akkasumas walitti hidhamiinsa dameewwan anniisaafi albuudaa waliin indastiriifi tajaajiloota biroo cimsuun barbaachisaadha.
Imaammanni qabeenya uumamaa irratti hundaa’e kaappitaala hawwachuu qofa osoo hin taane, faayidaa yeroo dheeraa uumu irratti xiyyeeffachuu qaba.
Qabeenyi umamaa gara anniisaa, omisha, hojiifi galii itti fufiinsa qabuutti jijjiiramuun, dinagdee naannichaa cimsuu danda’a. Kanaaf, invastimantii dameewwan kanaa qindoomina, itti gaafatamummaafi madaallii bu’aa irratti hundeessuun barbaachisaadha.