Tamsaasa Kallatti:

Ida’amuun falaasama badhaadhina walii galaa Afriikaa mirkaneessuuf humna walitti hidhsme ijaaruudha- bakka bu’oonta paartilee siyaasaa Afriikaa

Sadaasa 2/2019 (ENA)- Ida’amuun falaasama badhaadhina walii galaa Afriikaa mirkaneessuuf humna walitti hidhsme ijaaruun kaayyoo waloof kaka’umsa kan uumu ta’uu bakka bu’oonni paartilaa siyaasaa Afriikaa ibsan.

Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa mata duree “guddina hogganuu paartileen siyaasaa akka maandisoota carraa egeree Afriikaa” jedhuun Onkoloolessa 26 amma 28 bara 2019tti gaggeeffameera.

Hirmaattonni bakka bu’oota paartii biyyoota Afriikaa ENA’tti akka himanitti, paartileen siyaasaa filannoof dorgomuurra darbee bu’a qabeessummaa cehumsa biyyaalessaaf gumaacha taasisuu qabu.

Miseensi paarlaamaa Ugaandaa fi gaggeessituun paartilee siyaasaa mormitootaa duraanii A’ol Beetii Okaan, Itiyoophiyaan hirmaannaa siyaasaa dargaggootaa fi dubartootaa guddisuun daandii guddinaa dunqisiisaarrata’uushee Finfinneen agarsiiftuudha jedhaniiru.

Ida’amuun Afriikaanota kaayyoo waloof kakaasu falaasama faayidaa qabu waan ta’eef falaasama kana sirriitti hubachuun hubannoo waloo guddina Afriikaa si’achiisu qabaachuu barbaachisa jedhaniiru.

Paartileen siyaasaa biyyoota miseensa Ardichaa filannoof dorgomuun gamatti misooma biyyaaf hojjechuun qajeeltoo heera mootummaa kabajuun jireenyi namootaa akka fooyya’u hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Falaasama ida’amuuhumna wal ta’e ijaaruu akka danda’u Itiyoophiyaarraa qooddachuun carraa egeree Ardii keenyaa murteessuuf carraaquu qabna jedhaniiru.

Waajjira rejistiraarii paartilee siyaasaa Maalaawiirraa kan dhufan Eden Mizumaaraa gamasaaniin, ida’amuun falaasama kaayyoowwan misoomaa milkeessuuf tumsa dameelee cimsu ta’uu hubadheera jedhan.

Falaasamichi tumsa cimsuudhaan qaxalummaa akka fiduu fi biyyoonni Afriikaa misooma dinagdee isaanii akka gaggeessan akka deeggaru ibsaniiru.

Bu’urri misoomaa fi misoomni Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jira biroon biyyoota Afriikaaf barnoota guddaa akka ta’u ibsaniiru

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015