Itiyoophiyaa fi baankiin invastimantii Infiraastiraakcharii Isiyaa marii gamlamee gaggeessan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi baankiin invastimantii Infiraastiraakcharii Isiyaa marii gamlamee gaggeessan
Sadaasa 2/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi baankiin invastimantii Infiraastiraakcharii Isiyaa hojiilee tumsaan hojjetan itti fufsiisuuf marii gamlamee gaggeessaniiru.
Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa 31ffaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Turkiyyee Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira.
Yaa’ichi mata duree “Imala gara bara egereen, of danda’ee fi haqni keesstii mirkanaa’eetti jedhuun gaggeeffamaa jira.
Ministirri dhimma alaa Itiyoophiyaa fi pirezidaantii COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos fi ministirri maallaqaa fi mari’attuun olaanaa COP32 Dr. Fitsum Asaffaa yaa’icha cinaatti pirezidaantii baankii invastimantii infiraastiraakchariiIsiyaa(AIIB) Zoo Jayaayi waliin marii gamlamee taasisaniiru.
Mariin kun hojiilee tumsaan hojjetaman itti fufsiisuuf kan akeekamedha.
Ijaarsa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu faayinaansiin deeggaruuf marii Kanaan dura eegalamee ture itti fufsiisuuf yeroo dheeraa waliin hojjechuu fi pirojektoota biroo bocuuf mari’ataniiru.
Akkasumas COP32 Kan Itiyoophiyaan keessummeessitu ilaalchisee wal deeggaruun haala danda’amurratti mari’ataniiru.