Kantiibaa Adaanech Abeebee hojii raawwachiisaa olaanaa faawundeeshinii fandii invastimantii daa’immanii Keet Hampiten waliin mari’atan - ENA Afaan Oromoo
Kantiibaa Adaanech Abeebee hojii raawwachiisaa olaanaa faawundeeshinii fandii invastimantii daa’immanii Keet Hampiten waliin mari’atan
Sadaasa 2/2019 (ENA)- Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojii raawwachiiftuu olaanaa faawundeeshinii fandii invastimantii daa’immanii Keet Hampiten waliin mari’ataniiru.
Kantiibaa Adaanechi Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, hojii raawwachiiftuu kana waliin marii bu’a qabeessa gaggeessuusaanii ibsaniiru.
Itiyoophiyaa COP32 waan qopheessituuf carraalee tumsaa, akkasumas qabiinsaa fi dhabamsiisa balfaa, sagantaa ashaaraa magariisaa, jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi tumsa magaalotaa cimsuurratti mariin taasifamuu dubbataniiru.
Misooma magaalaa egeree, magariisaa fi hammataa mirkaneessuuf tumsa qabnu gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun dhaloota har’aa fi boeuuf magaalaa fooyyoftee fi egeree ijaaruuf kutannoon ni hojjenna jedhaniiru.