Tamsaasa Kallatti:

Ministirri dhimma alaa fi pirezidaantii COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos duraa taa’aa garee marii Afriikaa Dr. Antiwii – Bo’aasiyaakoo Amo’a waliin mari’atan

Sadaasa 2/2019 (ENA)- Qophiiwwan COP31 Antaaliyaatti gaggeeffaman cinaatti, ministirri dhimma alaa fi pirezidaantii COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos duraa taa’aa garee marii Afriikaa Dr. Antiwii – Bo’aasiyaakoo Amo’a waliin marii gamlamee gaggeessaniiru.

Mariin kun dhimmoota biyyoota Afrikaaf dursa qaban kanneen akka jijjiirama haala qilleensaa wajjin madaquu (Adaptation), faayinaansii jijjiirama qilleensaaf oolu (Climate Finance), ce’umsa haqaqabeessa (Just Transition) fi hojii irra oolmaa irratti kan xiyyeeffatu akka ta’e ibsameera.

Dabalataanis, biyyoonni guddachaa jiran gumaacha biyyaalessaa murtaa’an (NDCs) fi karoora biyyaalessaa jijjiirama qilleensaa wajjin madaquu (NAPs) hojii irra oolchuu keessatti deeggarsa dabalataa akka argatan, akkasumas tarkaanfiileen jijjiirama qilleensaa dursa misoomaa Afrikaa akka calaqqisiisan barbaachisaa ta’uu irratti mari’achuun ibsameera.

PirezidaantiinCOP32, qophiiwwan COP32 yeroo itti cimaa dhufan Itiyoophiyaan Garee Afrikaa Marii Jijjiirama Qilleensaa (AGN) waliin marii dhihoo akka taasistu mirkaneessaniiru.

Akkasumas, Antaaliyaa keessatti bu’aa milkaa’aa galmeessuun, amantaa adeemsa marii cimsuun, waadaa irraa gara hojii qabatamaatti ce’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan dursa fi ilaalcha Afrikaa (Africa’s Priorities and Perspectives) qophii fi marii COP32 keessatti haala cimaadhaan akka calaqqisuuf AGN waliin dhiyeenyaan hojjechuu akka itti fuftu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015