Misoomni dinagdee damdanuu mootummaan ida’amuu fayyadama dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneessaa jira - ENA Afaan Oromoo
Misoomni dinagdee damdanuu mootummaan ida’amuu fayyadama dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneessaa jira
Sadaasa 2/2019(ENA)-Kallattiin misooma dinagdee damdanuu mootummaan ida’amuu fayyadama dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneessaa jiraachuu biiroleen dubartootaa fi dhimma hawaasummaa naannoo ibsan.
Mootummaan ida’amuu dirree hammataa fi hirmaachisaa fayyadama hawaasummaa fi dinagdee lammiilee uumuudhaan hojiilee misoomaa uumuun hojjechaa jira.
Hojiin biyya alaa seera qabeessi mirgii fi kabajni namootaa eegamee sira hojmaataa ammayyaa guduunfaa itti qabatan diriirsuun jijjiiramni guddaan galmaa’eera.
Hoggantoonni biiroo dubartootaa fi dhimma hawaasummaa naannoo ENA’tti akka himanitti, kallattiin misooma dinagdee damdanuu mootummaan ida’amuu fayyadama dinagdee fi hawaasummaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneessaa jira.
Bobbiin hojii biyya alaa Itiyoophiyaan uumte godaansa hammaataa fi seeraan alaa hir’isuun bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa akka jiru dubbataniiru.
Kana cinaattis ejensiiwwanii fi faddaaltota namoota bu’aa bayii olaanaaf saaxilan to’annaa jala oolchuun seeraan akka gaafataman taasifamaa jiraachuu eeraniiru.
Hoggantuun biiroo dubartootaa fi dhimma hawaasummaa naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaa Faaxee Surmolluu akka jedhanitti,kallattiin misoomaa mootummaan ida’amuu dandeettii hojii uumuu guddisaa jira.
Kunis tumsa qooda fudhattootaa guddisuun namoonni biyyasaaniitti hojjetanii akka jijjiiraman carraa uumuudhaan godaansa seeraan alaa oolchaa akka jiru dubbataniiru.
Itti aantuu hogganuun biiroo dubartootaa fi dhimma hawaasummaa naannoo Beeniishaangul Gumuz Meriyem Abdurehimaan gamasaaniin, godaansi seeraan alaa miidhaa dinagdee fi hawaasummaa hamaa geessisa jedhaniiru.
Mootummaan ida’amuu bobbii hojii biyya alaaf haala gaarii uumeera kan jedhan ammoo itti aantuu biiroo dubartootaa fi dhimma hawaasummaa naannoo ummattootakibba lixa Itiyoophiyaa adde Raaheel Leewaati.
Haala Kanaan namoonni hojiif biyya alaa dhaqan mirgii fi kabajnisaanii eegamee sirni ammayyaa jiraachuu himaniiru.