Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahamuud waliin mariyatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahamuud waliin mariyatan
Sadaasa 2/2019 (ENA) – Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii hoggantootaa COP31 cinaatti Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mahamuud waliin marii gamlamee taasisaniiru.
Ministirri Muummee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, marii isaanii keessatti haala nageenyaa yeroo ammaa Somaaliyaa keessa jiruufi dhimmoota naannawichaa bal’inaan irratti yaada wal jijjiiraniiru himaniira.
Akkasumas, nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuuf marii itti fufiinsa qabuufi tumsi biyyoota naannichaa gidduutti taasifamu barbaachisaa ta’uu isaa irratti xiyyeeffachuu isaanii ibsaniiru.