Itoophiyaan hojiilee qabatamaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf hojjette Addunyaatti agarsiisaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan hojiilee qabatamaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf hojjette Addunyaatti agarsiisaa jirti
Jijjiiramni qilleensaa rakkoo addunyaa yeroo ammaa keessaa isa ijoo ta’ee itti fufeera. Hongee, lolaa, ho’a garmalee dabalaa dhufee fi balaa uumamaa biroo irratti dhiibbaa geessisaa jiru qolachuuf biyyoonni addunyaa tumsa isaanii cimsuun furmaata waaraa barbaadaa jiru.
Yaa’iin Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, jechuun COP, waltajjii biyyoonni addunyaa rakkoo kana irratti mariyachuun kallattii fi murtii waliinii itti kaa’an keessaa isa ijoo dha. Waltajjii kana irratti gadi lakkisa gaasota ho’a addunyaa dabalan hir’isuu, biyyoota jijjiirama qilleensaatiin miidhaman deeggaruu fi haala jijjiirama qilleensaa waliin madaquuf tarkaanfiiwwan fudhatamuu qaban irratti mariin taasifama.
Itoophiyaanis, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa irraa kan ka’e biyyoota rakkoolee gara garaatiif saaxilamoo ta’an keessaa tokko taatus, rakkoo kana qolachuu fi dandamannaa hawaasummaa fi dinagdee cimsuuf hojiiwwan qabatamaa bal’inaan hojjechaa jirti.
Kana keessatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, dinagdee magariisaa ijaaruu, madda humna haaromfamaa babal’isuu fi qonna haala qilleensaa dandamatu irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan ijoo ta’anii itti fufaniiru.
Keessumaa, biqiltuu biliyoonaan lakka’aman dhaabuu fi kunuunsuun bosona deebisanii misoomsuu, dhiqama biyyee ittisuu fi naannoo tikfachuu keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’aa jira. Hojiileen kunneen rakkoo jijjiirama qilleensaa qolachuu qofa osoo hin taane, jireenya hawaasaa fooyyessuu fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuu keessattis gahee olaanaa qabu.
Damee humna haaromfamaatiinis, humna bishaanii, qilleensaa fi aduu irraa maddisiifamu babal’isuun madda humna qulqulluu fayyadamuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Akkasumas, damee qonnaatti sanyiiwwan hongee fi lolaa dandamatan fayyadamuu, qabeenya bishaanii sirnaan bulchuu fi mala qonnaa ammayyaa babal’isuun qonnaan bultoonni haala qilleensaa jijjiiramaa jiru waliin akka madaqan taasifamaa jira.
Itoophiyaan COP31rraatti muuxannoo ishee Addunyaaf qoodaa jirti
Itoophiyaan mariiwwan jijjiirama qilleensaa sadarkaa addunyaa irratti hirmaachuu qofa osoo hin taane, hojiiwwan qabatamaa biyya keessatti hojjechaa jirtu muuxannoo ishee hawaasa addunyaatiif qoodaa jirti.
Haaluma kanaan, Yaa’ii COP31 Turkiyyee, magaalaa Antaaliyaatti gaggeeffamaa jiru irratti Paaviliyoonii mataa ishee banuun bu’aalee qabatamaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo irratti galmeessite addunyaatti agarsiisaa jirti.
Akkasumas, mariiwwan paanaalii adda addaa irratti hirmaachuun muuxannoo Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa qolachuu fi haala isaa waliin madaquuf qabatamaan hojjechaa jirtu qoodaa jirti.
Ministirri Dhimma Alaa Doktar Geediyoon Xiimootiwoos akka ibsanitti, Itoophiyaan tumsa jijjiirama haala qilleensaa addunyaa keessatti amanamummaa laafee ture deebisanii ijaaruuf xiyyeeffannoo olaanaa kennitee hojjechaa jirti.
Jijjiirama qilleensaa to’achuun dhimma biyya tokko qofaan furamuu danda’u osoo hin taane, tumsa addunyaa kan gaafatu ta’uu hubachuun, Itoophiyaan gahee irraa eegamu bahuu fi tumsa biyyoota biroo waliin qabdu cimsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.
COP31 fi waltajjiiwwan idil-addunyaa biroo irratti fedhii biyyoota guddachaa jiran, keessumaa biyyoota Afrikaa, calaqqisiisuun maallaqa, teeknoolojii fi deeggarsa madaqiinsaa jijjiirama qilleensaan walqabatu akka argatan gaafachuunis gahee Itoophiyaan bahaa jirtu keessaa isa tokko dha.
Biyyoonni guddachaa jiran dhiibbaa jijjiirama qilleensaa irraa miidhaa guddaa kan baatan ta’us, rakkoo kanaaf sababa guddaa ta’an keessaa akka hin taane yeroo hubatamu, tumsi idil-addunyaa fi haqa qilleensaa mirkaneessuun murteessaa ta’a.
Bu’aa Qabatamaa fi Gahee Idil-addunyaa
Hojiileen Itoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa, dinagdee magariisaa, humna haaromfamaa fi qonna haala qilleensaa dandamatu irratti hojjechaa jirtu, rakkoo kana qolachuuf kutannoo qabdu kan mul’isan dha.
Kana malees, biyyattiin muuxannoo ishee biyyoota biroo waliin qooduun, sagalee biyyoota guddachaa jiran waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti dhageessisuu fi tumsa hawaasa addunyaa keessatti gahee ishee bahuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.
Jijjiirama qilleensaa dandamachuun naannoo eeguu fi guddina dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuun wal irraa hin cinne. Kanaaf, waliigaltee sadarkaa addunyaa irratti taasifamu hojii qabatamaatti jijjiiruun, maallaqaa fi teeknoolojii barbaachisu biyyoota guddachaa jiraniif dhiheessuun murteessaa dha.
Itoophiyaanis, hojiiwwan qabatamaa biyya keessatti jalqabde cimsuun, muuxannoo ishee addunyaatti qooduu fi tumsa idil-addunyaa keessatti gahee ishee bahuu irratti xiyyeeffannoo itti fufuun, furmaata rakkoo jijjiirama qilleensaatiif taasifamu keessatti gahee olaanaa bahaa jirti.