Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Noorwey Joonas Gaar Isteer Waliin Mariyatan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Noorwey Joonas Gaar Isteer Waliin Mariyatan
Sadaasa 2/2019 (ENA)-Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii hoggantootaa COP31 cinaatti Ministira Muummee Noorwey Joonas Gaar Isteer waliin marii gamlamee taasisuu isaanii ibsan.
Mariin isaanii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti tumsa jiru caalaatti cimsuu, damee anniisaa haaromfamuu Itoophiyaa keessatti invastimantii jajjabeessuu, akkasumas prezidaantummaa COP32 Itoophiyaan fudhattuuf deeggarsa Noorwey taasistu cimsuun itti fufuu irratti carraawwan jiran irratti xiyyeeffateera.
Ministirri Muummee fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti akka ibsanitti, tumsa bal’aa biyyoota lameenii dabalatee dhimmoota yeroo ammaa, idil-addunyaa fi naannawaa irratti yaada wal-jijjiiraniiru.
Kunis dameewwan tumsa qabatamaa keessatti fuulduratti tarkaanfachuufi michooma biyyoota lameenii caalaatti cimsuuf fedhii waloo biyyootni lamaan qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.