Tamsaasa Kallatti:

Akka tilmaama yeroo ammaa kan shallaggii waggaa bu'uuraa haaromsameetti, Omishni Waliigalaa Biyya Keessaa Itiyoophiyaa dhibbantaa 59 tuqaa 2 guddachuun ibsameera.

Ogeessi dinagdee Zamadeeneh Nigatu, gaaffii fi deebii ENA waliin taasisaniin, guddina saffisaa fi dameewwan hedduu irratti galmaa'aa jiru sirriitti agarsiisuuf safartuun shallaggii Omisha Waliigalaa Biyya Keessaa (Rebased) haaromfamuu isaa barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.

Akka ibsa ogeessichatti, safartuuwwan duraanii yeroo dinagdeen biyyattii irra caalaa qonna irratti hundaa'ee turetti kan qophaa'an waan ta'aniif, guddina dameewwan telekoomii, tajaajila faayinaansii, teeknooloojii dijitaalaa fi oomishaa (Manufacturing) haala gahaa ta'een hin hammatan.

Safartuun haaromfame kun raawwii dameewwan dinagdee sirriitti madaaluuf, dameewwan xiyyeeffannoo barbaadan adda baasuuf, amantaa invastaroota biyya alaa guddisuuf, hawwattummaa invastimantii cimsuuf, ba'aa liqaa hir'isuuf akkasumas bu'uura gibiraa bal'isuuf gumaacha guddaa qabaachuu ogeessichi ibsaniiru.

Kana jechuunis, hojii kana ogeeyyiin fi hayyoonni damee kanaa yeroo gahaa itti kennuudhaan kan raawwatan ta’uu ibsaniiru.

Raawwii dameewwan dinagdee Itiyoophiyaa karaa ammayyaa ta’een madaaluun, gumaacha guddina dinagdee keessatti qaban qorachuu fi dameewwan xiyyeeffannoo barbaadan salphaatti adda baasuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Keessumaa, haala dhugaa guddina dinagdee biyyattiin galmeessaa jirtu ifatti kan mul’isu waan ta’eef, invastaroota biyya alaa biratti amantaa guddaa uuma jedhaniiru.

Dabalataanis, hawwattummaa invastimantii biyyattii guddisuun Itiyoophiyaan bakka invastimantiif filatamaa taate akka taatuuf carraa bal’aa kan banu ta’uu ibsanii, akkasumas, ba’aa liqaa waliigalaa hir’isuuf gahee olaanaa qaba.

Sirna gibiraa ammayyeessuu fi bu’uura gibiraa bal’isuuf taasifamu keessatti gahee guddaa qaba.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015