Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan ogummaa magariisaa fi carraa hojii uumuuf kutannoo qabdu ibsite

Sadaasa 2/2019(ENA)- Itiyoophiyaan marii COP31’n cinaatti marii taasifameen ogummaa magariisaa fi carraa hojii uumuuf kutannoo qabdu ibsite.

Itiyoophiyaan waltajjii “dinagdee kaarboonii xiqqaa ijaaruuf ogummaa guddisuu fi carraa hojii uumuu” jedhuun dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa COP31 cinaatti gaggeeffamerratti misooma ogummaa magariisaa irratti kutannooshee mirkaneessiteetti.

Waltajjicharratti kan argaman ministirri tarsiimoo biyyaalessaa obbo Barakat Fissahaa tsuyoon akka ibsanitti, Itiyoophiyaan misooma humna namaarratti invast gochuun carraa hojii dargaggootaa babal’isuu fi cehumsa dinagdee magariisaa haqa qabeessa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti.

Qopheessituu haaraa kan taate Finfinnee yaa’ii COP32’f qophii akka taatu carraaqqii taasifamu keessatti, anniisaa haaromfamu si’achiisuu fi sagantaa ashaaraa magariisaa dargaggootaaf carraa hojii hedduu akka uumanii fi ammas carraawwan haaraa banaa akka jiran ministirichi cimsanii dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015