Tamsaasa Kallatti:

Itoophiyaan gahee seenaa  nageenya idil-addunyaa fi tasgabbii waliigalaatiif qabdu kutannoon cimsitee itti fufti   - Mejer Jeneraal Addaamneh Mangistuu

Sadaasa 2/2019 (ENA)- Itoophiyaan gahee seena qabeessummaa nageenya idil-addunyaa fi tasgabbii waliigalaatiif qabdu cimsitee akka itti fuftu Hogganaan giddugala  Nageenya Kabachiisa Raayyaa Ittisa Biyyaa Mejer Jeneraal Addaamneh Mangistuu ibsaniiru.

Guyyaan tumsa kabachiisa nageenya  Idil-Addunyaa  Maakaziichaa Nageenya Kabachiisa Raayyaa Ittisa Biyyaa mata duree “Nageenya irratti invastii gochuun tasgabbii Idil-Addunyaatiif tumsa cimaa ijaaruu” jedhuun kabajameera.

Sirna kana irratti Hogganaan giddugala  Nageenya Kabachiisaa Mejer Jeneraal Addaamneh Mangistuu  dabalatee Atachoonni waraanaa biyyoota garaagaraa, bakka bu’oonni dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbileen tumsaa  argamaniiru.

Hogganaan giddugalichaa  Mejer Jeneraal Addamneh Mangistuu akka ibsanitti, Itoophiyaan  waraana Kooriyaa bara 1951 irraa kaasee Koongoo, Ruwaandaa, Laayibeeriyaa, Buruundi, Daarfuur, Abiyee, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaatti duula gaggeessiteen waggoota kurnan hedduuf  gumaacha nageenya idil-addunyaatiif goote jirti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015