Hojmaata qonnaa fooyya’an hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf gargaareera - ENA Afaan Oromoo
Hojmaata qonnaa fooyya’an hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf gargaareera
Sadaasa 02/2019 (ENA)- Godina Kibba Bahaa Oromiyaatti hojiilee qonnaa fooyya’an bal’inaan hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaa guddisaa jiraachuu biiroon qonnaa godinichaa beeksise.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhihoo kana raawwii qonna gannaa Godina Oromiyaa Kibba Bahaa daawwachuun isaanii ni yaadatama. Yeroo kanattis hanqinni roobaa jiraatus, hojii qophii duraa mootummaan fi uummanni taasisan bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu ibsanii, diinagdeen keenya qormaata uumamaa fi namtolchee dandamatee akka itti fufuuf dursee qophaa’uunii fi filannoowwan adda addaa babal’isuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Itti gaafatamaan itti aanaan Biiroo Qonnaa Godina Oromiyaa Kibba Bahaa Obbo Zalaalam Alamayyoo akka ibsanitti, bara kana qonna gannaatiin lafti hektaara miliyoona 2 tuqaa 5 ol meeshaalee qonnaa ammayyaa fayyadamuun midhaan garaagaraatiin misoomaa jira.
Godinichatti qonna ammayyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf sanyii filatamaa, dhiyeessii galteewwan qonnaa, ijaarsa dandeettii qonnaan bultootaa fi makaanayizeeshinii qonnaa bal’inaan hojiirra oolaa jiraachuu ibsanii, lafti qonnaa dhibbantaa 85 ol kilaastara qonna gannaan qotamerraa oomishni kuntala miiliyoona 96 olakka abdatamu dubbataniiru.
Kana malees, oomisha qonnaa irratti sona dabaluun warshaalee zayitaa, daakuu, paastaa fi makaroonaa babal’isuun xiyyeeffannoo argatee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Aanaalee horsiisee bultootaa keessatti of danda’uun nyaata argachuu mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamanis bu’aa gaarii galmeessisuu eeranii, bara darbe horsiisee bultoota sagantaa Seefitineetii keessatti hammataman keessaa dhibbeentaan 70 saganticha irraa eebbifamuu isaanii ibsaniir
Horsiisee bultoota dhibbeentaa 30 hafanis bara baajataa kana keessa of danda’anii akka jiraatan taasisuuf hojiiwwan itti fufanii hojjetamaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.
Aanaa Siinnaanaatti qonna kulaastaraa keessatti qonnaan bulaa ta’anii kan hojjetan Obbo Takaliny Fallaqaa, yeroo ammaa qonnaan bultoota naannoo isaanii waliin gurmaa’uun sanyii filatamaa qamadii fayyadamuudhaan hojjechaa akka jiran ibsanii, hektaara tokko irraa qamadii kuntaala 55 argachuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.
Qonnaan bulaan aanaa sanaa kan biraan Obbo Diriibaa Magarsaa gama isaaniin, waggoota afran darban sanyii filatamaa fi hojiilee qonnaa fooyya’an fayyadamuu erga jalqabanii kaasee hektaara tokko irraa giddugaleessaan qamadii kuntaala 50 argachaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaanis ijoollee isaanii haala gaariin barsiisuu fi mana jireenyaa sadarkaa isaa eeggate ijaaruu akka danda’an dubbataniiru.