Tamsaasa Kallatti:

Rifoormiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Gulantaa afraniin raawwatamaa jira! Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO

Rifoormiin guutuun gaggeeffamuu qaba erga jennee booda, rifoormicha gulantaa afuritti qoodnee hojjachuun barbaachisaa ture. Rifoormiin tokko yeroo takkaatti guutummaan raawwatamuun of-dhabuu fida. Jeequmsa uumuu ykn kufaatii qabaachuu waan danda’uuf, haala tartiibaafi sakatta’amee deemu filannee jirra.

Gulantaan jalqabaa aangoofi tajaajila sadarkaa naannoofi godinootaatti tuulamee ture gadi buusuu irratti xiyyeeffate.

Waggoottan darban keessatti, osoo namni baayyeen ‘agenda’ hin taasifatin, tajaajilaa fi hojiin godinaa fi naannoorra ture suuta suutaan gadi bu’eera.

Duraan namni heyyama tokko argachuuf Oromiyaa keessatti Mooyyaleerraa ykn Gidaamiirraa ka’ee as dhufa ture. Haalli kun fudhatama hin qabu ture. Kanaaf tajaajila kana suuta suutaan gadi buusuun hojii bu’aa qabeessa naannoo keenyaatti hojjatame ta’eera.

Gulantaan lammaffaan seektaroonni hojii isaanii jalqabaa hanga dhumaatti hoggananii osoo hin ta’in bibbixxilamanii hojjatu turan sirreessuu irratti xiyyeeffate. Waggoottan darban keessatti hojiilee yaa’iinsa hojiitiin walitti hidhuun bal’inaan hojjatameera.

Imaammata hordofnu giddugaleessa godhachuun caasaan seektaroota sirrachuu akka danda’u taasifameera.

Gulantaan sadaffaan waggaa lama dura raawwatame. Seenaa biyya keenyaa keessatti rifoormii guddaa jedhamuu kan danda’udha. Bara Dargii irraa kaasee mootummaa kanaan dura, bulchaan Gandaa namni tokko ykn koree muraasa kan ta’eefi yeroo boqonnaa qofa tajaajilu ture. Amma garuu Ganda Oromiyaa 7,342 keessatti ogummaa qaban, karaa idilee, itti gaafatamummaa guutuun, mootummaa guutuu hundeessineerra. Kanaaf nama kuma 50’tti dhiyaatu Aanaa irraa gara gandaatti deebisneerra.

Tajaajilli Aanaa irra ture guutumaan gandatti geeffameera, aangoon Aanaa irra ture illee guutuun gandatti gadi bu’eera. Namoonni kuma 50’tti dhiyaatan kunniin hoggansa barnootaa dabalatee muuxannoofi ogummaa qabaniidha, hundi isaanii Aanaa irraa gara gandaatti gadi bu’aniiru. Rifoormiin kun hojii hamma barbaadametti hin bal’ifamne ta’us, rifoormii biyya kanatti hojjatame keessaa isa guddaa jennee kan ilaalludha.

Dhimma mana murtiitiif malee, namni tokko iyyuu ganda irraa gara Aanaatti akka hin deemne murteessineerra. Kanaaf hoggansaafi raawwattoonni gandatti buufaman hojii kana achumatti akka xumuran taasifameera. Amma caasaafi hojiin dhibbeentaan 63 gandarra jira, gandi hoggansa mataa isaa qaba. Inisheetivoonni duraan Aanaa irraa deddeebi’amaa ture ganda irratti hoggansa nama torbaan akka qabaatan taasifameera.

Hawaasni duraan waraqaa dhuma takkaa fudhachuuf, heyyama takkaa argachuufis dhimmoota adda addaa xumuruuf Aanaatti deddeebi’aa ture. Amma garuu tajaajilli kun gandatti dhiyaateera. Kanaaf Oromiyaa keessatti “Mootummaa Gandaa” jennee ibsinu rifoormiifi ce’umsa guddaa kan fideedha.

Aangoon qindeessummaa godinaarra ture waggaa lama dura Aanaadhaaf kennameera. Aanaan aangoo guutuu akka qabaatu gochuun hojiin duraan Aanaan hojjatu Gandaaf kennameera, Aanaadhaaf immoo gahee godinaa kennineerra. Kanaan waggoottan darban keessatti aangoon godinaafi naannoorra ture banaa ta’eera. Qorannoon keenyaas yeroo takkaatti rifoormii guutuu raawwachuun of-dhabuu akka ta’u agarsiise. Jeequmsa uumuu ykn hojii diduu waan danda’uuf, sadarkaa naannoofi godinaa gulantaa itti aanutti hambifneerra.

Rifoormiin magaalootaa haala walfakkaatuun raawwatameera. Fakkeenyaaf, magaalota xixiqqoo 7 turan, gandoota baadiyyaafi aanaalee jiran walitti ijaarreerra. Bishooftuu waliin Dukamfi magaalota xixiqqoo baadiyyaa keessa turan walitti qabnee Bishooftuu jennee gurmeessineerra. Naannoo Adaamaa keessatti bibbixxilamanii turan walitti qabnee, Shaashamanneen, Bishaan Gurraachaafi Kuyyaraa dabalnee magaalaa tokko goone. Roobeefi Gobbaas walitti qindeessinee magaalaa tokko goone.

Magaalotarrattis rifoormii bal’aa gaggeessineerra.

Gulantaan afraffaan rifoormii amma gaggeeffamaa jirudha. Raawwii gulantaa sadanii erga sakatta’aneen booda, tajaajila maaltuun hafe, seektaraa sirreessuuf hojii maalii hojjannee maaltu hafe, hanqinni maali qabu jedhee gaafachuun hojjatamaa jira.

Dabalataan, caasaa, qabeenyaafi humni barbaachisu ijaarramee jiraachuu isaa mirkaneessuu irratti hojjatamaa jira. Caasaan qophaa’eef ergamni kennameera. Tajaajilaafi opereeshiniin Gandaafi Aanaatti fudhatameera, kanaaf Godinaaf hojii biraa kennineerra. Hojiiwwan naannoon hojjataa ture hundi Godinaaf kennamaniiru.

Naannoon immoo yaada tarsima’aa irratti xiyyeeffachuun, tarsiimoo bocuu, imaammataafi seeroota baasuu, hojiimaata haaraa diriirsuu, akkasumas pirojektoota guguddoo tapha Oromiyaa jijjiiruu danda’an irratti xiyyeeffata.

#oromiapresidentoffice2026

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015