Itiyoophiyaan olompiikii dargaggootaattiin atileetiksiin sadarkaa tokkoffaa bahuun xumurte - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan olompiikii dargaggootaattiin atileetiksiin sadarkaa tokkoffaa bahuun xumurte
Sadaasa 2/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan olompiikii dargaggootaa afraffaa Senegaalitti gaggeeffamaa jiruun atileetiksiin sadarkaa tokkoffaa bahuun xumurteetti.
Olompikii dargaggootaan dorgommiin atilrrtiksii har’a xumura argata.
Haala Kanaan atileetiksiin meedaaliyaa warqee 5 fi meetii 3 ,walumaa gala meedaaliyaa 8 mo’achuun meedaaliyaa atileetiksii addunyaan sadarkaa tokkoffaa ta’uun xumurteetti.
Itiyoophiyaan olompikii dargaggootaan atileetiksii malees Bishkileetii, tekuwaandoo, Wushuu fi bishaan daakuun hirmaatteetti.
Wushuudhaan Natinaa’el Kinfee meedaaliyaa naahaa argateera.
Itiyoophiyaan ispoortii walii galaatiin sadarkaa shanaffaarratti argamti.
Chaayinaa, Jaappaan, Ruusiyaa fi Gibtsi tokkoffaa amma afraffaa qabataniiru.
Olompikiin dargaggootaa akaakuu dorgommii Ispoortii 25’n gaggeeffamaa tureera.
Shaampiyoonaan olompikii dargaggootaa afraffaan Onkoloolessa 21 bara 2019 eegalame Sadaasa 4 bara 2019 xumurama