Tamsaasa Kallatti:

Misooma waaraa fi dandeettii dorgommii Afriikaa sirna barnootaa cimsuun murteessaadha

Onkoloolessa 30/2019 (ENA) - Sirna barnootaa cimsuun misooma waaraa Afrikaa, jijjiirama dinagdee fi dorgommii idil-addunyaaf bu’uura ta’uu de’eetaan ministira barnootaa Dr. Solomon Abrihaa ibsan.


Yaa’iin Barnoota Herregaa, Saayinsii fi Teeknooloojii Afrikaa (COMSTEDA) 23ffaa har’a Itiyoophiyaatti eegaleera.


De’eetaan ministira barnootaa Dr. Solomon Abrihaa sirna baniinsa waltajjichaa irratti akka ibsanitti, barnoonni beekumsa dabarsuu qofa osoo hin taane, qorannoo saayinsawaa, yaada gadi fagoo fi dandeettii rakkoo hiikuu guddisuu qaba.


Keessumaa teknooloojiiwwan guddachaa jiran kanneen akka hubannoo namtolchee (AI) fi Roobootiksii fayyadamuun dargaggoota carraawwan hojii fi misooma egereef qopheessuuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.


Itiyoophiyaan guddina ogummaa barsiisotaa, fooyya’insa sirna barnootaa, barnoota dijitaalaa fi meeshaalee laaboraatoorii cimsuuf gumaacha itti fufiinsa qabu taasisaa turuu ibsaniiru.


Barataan kamiyyuu saala, qaama miidhamummaa ykn haala hawaasummaa fi dinagdee isaa irratti hundaa’uun osoo hin daangeffamin, carraa barnootaa walqixa argachuu akka qabuus hubachiisaniiru.


Pirezidaantiin Waldaa Barnoota Herregaa fi Saayinsii Afrikaa Piroofeesar Bensoon Baandaan gama isaaniin, egeree Afrikaa jijjiiruuf barnoonni daangaa sirna barnootaa qofa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu irraa darbee, barattoonni hojii qabatamaa irratti qorannoo gaggeessuu fi rakkoolee hiikuu akka danda’anitti fooyya’uu qaba jedhaniiru.


Afrikaan teeknooloojii hubannoo namtolchee fayyadamuu qofa ta’uu bira darbee moodelota teknooloojii fi hojiiwwan kalaqaa mataa ishee guddisuu akka qabdu ibsaniiru.


Kana milkeessuufis tumsa biyyoota Afrikaa cimsuu fi hojiin barsiisota irratti hojjetamu cimsuu, qabeenya uumamaa fi humna dargaggootaa ardittiin qabdu gara dandeettii misooma qabatamaatti jijjiiruun barbaachisaa eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015