Magaalli Bishooftuu giddugala turizimii fi magaala saffisaan guddachaa jirtu waantaateef nageenyashee ittifufiinsaan mirkaneessuuf qindoominaan hojjatamuu qaba - Obbo Tijaanii Naasir - ENA Afaan Oromoo
Magaalli Bishooftuu giddugala turizimii fi magaala saffisaan guddachaa jirtu waantaateef nageenyashee ittifufiinsaan mirkaneessuuf qindoominaan hojjatamuu qaba - Obbo Tijaanii Naasir
Onkololeessa 30/ 2019 (ENA)— Magaalli Bishooftuu giddugala turizimii fi magaala saffisaan guddachaa jirtu waantaateef nageenyashee ittifufinsaan mirkaneessuuf qindoominaan hojjatamuu qaba jechuun Hogganaan Biiroo Nagaa Oromiyaa Obbo Tijjaanii Naasir ibsan.
Magaalaan Bishooftuu keessummoota biyya keessaa fi alaa hedduu kan simattu ta'uu ishee kaasuun, qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun magaalattii fakkeenya nageenyaa taasisuu akka qaban dhaamaniiru.
Mariin dhimma nageenyaa irratti xiyyeeffate Magaala Bishooftuuti gaggeeffameera.
Mariin kun nageenya magaalattii ittifufiinsaan mirkaneessuudhaaf qindoomina qaamolee nageenyaa fi hirmaannaa hawaasaa cimsuu irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, hooggantootni ol'aanoon sadarkaa naannoo fi magaalichaa irratti hirmaataniiru.
Ajajaan Qajeelcha Olaanaa Poolisii Magaalaa Bishooftuu, gargaaraan komiishinara Kabbadaa Indaabuu, nageenya mirkaneessuun itti gaafatamummaa qaamolee nageenyaa qofa osoo hin taane, qindoominaa fi tumsa hawaasa hundaa kan gaafatu ta'uu ibsaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Nagaa Magaalaa Bishooftuu, Obbo Leejjisaa Jootee gama isaanitiin, nageenya magaalattii mirkaneessuuf caasaaleen nageenyaa hundi gahee isaanii qindoominaan bahachuu akka qaban ibsaniiru.
Kana malees, hojiiwwan misoomaa garaagaraa magaalattii keessatti hojjetamaa jiran gufuu nageenyaa irraa bilisa ta'anii saffisaa fi bu'a qabeessummaadhan akka itti fufaniif qaamoleen nageenyaa hundi ittigaafatamummaa isaanii sirnaan bahachuu akka qabanis ibsaniiru. Biiroo nagaa oromiyaarra