Tamsaasa Kallatti:

Kenniinsi tajaajila wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ tajaajila saffisaa fi fooyya'aa akka argannu nu gargaareera - Jiraattota

Onkololessa 29/2019 (ENA): Jiraattonni godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Gudar akka himanitti, kenniinsi tajaajila wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ tajaajila saffisaa fi fooyya’aa akka argataniif kan isaan gargaare ta’uu dubbatani.

Dhaabbilee fooyya’iinsa tajaajila mootummaa gurguddoo hojmaata mootummaa ammayyeessuuf, rakkoolee bulchiinsa gaarii furuu fi itti quufinsa ummataa guddisuuf qophaa’an keessaa Masoob isa tokkodha.

Giddugalichi naannoo Oromiyaa keessatti bal’inaan hojiirra oolaa jira; godina Giddugaleessa Oromiyaa magaalaa Gudar keessattis rakkoo ummataa hir'isuu keessatti bu'aa gaarii fidaa jira.

Jiraattonni magaalattii ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, tajaajila guutuu, saffisaa fi gahumsa qabu bakka tokkotti argachuun yeroo fi humna duraan gara iddoo adda addaa deemuun qisaasessaa turan akka isaaniif qusatu taasiseera.


 

Giddugalichatti hayyama hojii argachuuf kan dhufan obbo Faysaa Moosisaa akka jedhanitti; Duraan dhimma tokko xumuruuf torban lamaa hanga ji'a tokkoo eegaa kan turan yoo ta'u, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti gaaffii isaanii xumuruu danda’uu himani.


 

Jiraataan magaalattii kan biraa obbo Mohaammad Kadir lakkoofsa eenyummaa kaffalaa gibiraa argachuuf gara giddugalichaa akka dhufan himan.

Giddugalichi tajaajila saffisaa fi dhaqqabamaa teeknooloojiin deeggaramee kan kennu yoo ta’u, rakkoolee bulchiinsa gaarii kanaan dura mul’achaa turan salphisuun tajaajila barbaachisaa hawaasaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru.


 

Dargaggeessi Guddataa Tarreessaa yeroo jalqabaaf giddugala bakka tokkotti argamu kana kan dhaqan ta’uu eeruun, dhimma gibira galii har’a itti dhufe daqiiqaa 10 keessatti xumuruu isaa dubbateera. Kunis yeroofi maallaqa kan qusatu ta’uu dubbateera.

 

Hogganaan tajaajilaa Giddugala Pabliik Sarvisii Magaalaa Gudar obbo Eeliyaas Hirphasaa akka jedhanitti, komiin ummataa kanaan dura kenniinsa tajaajilaa ilaalchisee ka’aa ture erga giddugalichi hojiitti seenee booda furmaata argateera.

Giddugalichi yeroo ammaa waajjiraalee damee magaalaa sagaliif bifa hunda galeessa ta’een tajaajila 54 kennaa jiraachuu beeksisaniiru.

Giddugalichi erga Adoolessa 28, 2018 eebbifamee kaasee jiraattota magaalattii kuma 5 fi 600 ol tajaajila saffisaa fi dhaqqabamaa ta’e kennaa akka ture odeeffannoon giddugalicha irraa argame ni mul’isa.

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015