Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Maqaleetti nyaannii fi lojistiksiin garee ABUT seeraan alaaf kennamuuf qophaa’an qabaman

Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Magaalaa Maqalee kutaa magaalaa Haawultiitti nyaannii fi lojistiksiin garee ABUT seeraan alaaf kennamuuf qophaa’an eeruu ummataa fi sakatta’insa qaamolee nageenyaa waliin taasifameen qabamuun ibsame.

Wantoota qabaman keessaa kopheewwan Koongoo kaayyoo loltummaaf oolanii fi buddeen gogaa akkasumas daakuu furnoo, zayitii, Xaafii, shiroofi saamunaan keessatti argamu.

Wantoonni qabaman kun birrii miiliyoona 1 tuqaa 4 kan tilmaamaman yoo ta’u, bulchiinsi magaalaa Maqalee warra humna hinqabneef akka qoodamu taasiseera.

Gorsaan dhimma hawaasummaa fi itti gaafatamaan dhimmoota hawaasaa kantiibaa magaalaa Maqalee obbo Mulawu Abrihallee akka jedhanitti, wantoonni qabaman kun kanneen humna hin qabneef akka qoodamu taasifameera.

Fuulduras jiraattonni magaalaa Maqalee qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun wantoota shakkisiisan yoo argu eeruu akka kennan dhaamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015