Barnootni madda beekumsaa, bu'uura yaada haaraafi jijjiiramaati --- Dr.Tashoomaa Addunyaa - ENA Afaan Oromoo
Barnootni madda beekumsaa, bu'uura yaada haaraafi jijjiiramaati --- Dr.Tashoomaa Addunyaa
Onkoloolessa 28/2019 (ENA)-- Barnootni madda beekumsaa, bu'uura yaada haaraa fi jijjiiramaa ta’uu kantiibaan magaalaa shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa ibsan.
Magaalaa Shaggaritti waltajjiin gamaaggama gumii tiraanisfoormeeshinii misooma barnootaa fi sirni beekamtii kennuu barattoota qabxii olaanaa galmeessanii gaggeeffameera.
Mootummaan dhaloota beekumsa saayinsii fi tekinooloojiin gahoomee fi guddina biyyaa keessatti qooda bahatu horachuuf cabinsa sirna Barnootaa keessa turan hundeerraa furuuf hojiiwwan garagaraa tarkaanfii addaan masakuun hojjechaa jira.
Magaalaa Shaggarittis dhaloota dorgomaa ta'an horachuuf tarkaanfiiwwan addaa sirna barnootaa keessatti bocaman hojiirra oolchuun hojii hojjetameen yeroo gara yerootti fooyya'insi gurguddaan argamaa jira.
Haaluma kanaan Magaalaa Shaggaritti Shaggaritti waltajjiin gamaaggama gumii tiraanisfoormeeshinii misooma Barnootaa fi sirni beekamtii kennuu barattoota qabxii olaanaa galmeessanii gaggeeffamaa jira.
Saganticha irrattis kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa, ittigaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu dabalatee hooggantoota akkasumas barattootaa fi qooda fudhattootni damee barnootaa sadarkaan jiran argamaniiru.
kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa barnootni madda beekumsaa fi bu'uura jijjiiramaa ta'uu kan himan, Shaggarittis dhaloota dorgomaa horachuuf hojiiwwan bu'a-qabeessummaa damee Barnootaa dhugoomsan argamuus himaniiru.
Magaalichatti carraawwan uwwisa Barnootaa guddisuun hirmaannaa barattootaa akkasumas baay'ina manneen Barnootaa fi dhibbeentaa darbinsa barattootaa dabaluun kan danda'ame ta'uus himaniiru.
Ittigaafatamaa Waajjira Barnootaa Magaalaa Shaggar Obbo Firakiyyaa Kaasahuun; gumiin tiraanisfoormeeshinii misooma Barnootaa hojiiwwan ijaarsa manneen Barnootaa milkeessuun carraa Barnootaa akka babal'atu taasisuu fi kanaanis bu'aan barachuu barattootaa dabalaaa dhufuus himaniiru. T/Koomunikeeshinii Magaalichaarraa