Tamsaasa Kallatti:

Giddugalli Qorannoo Qonnaa Amboo hojii qorannoon cinatti, maloota Oomishitummaa dabalan irratti hojjechaa jira

Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Giddugalli Qorannoo Qonnaa Amboo hojii qorannoon cinaatti, maloota Oomishitummaa dabalan irratti hojjechuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera.

Gidugalichi Ayyaanaa Qonnaan bultootaa sababeeffachuun damee qorannoo kutaa ekisteeshinii qonnaan hojjetaman godina giddugala oromiyaa aanaa dandiitti lafa qonnaan bultootaa hektaara 100 irratti sanyii Xaafii babal'isuu fi mi'eesituuwwaan gara garaa deeggarsa taasisuun misoomse bakka ogeeyyii , hoggansii fi Qonnaan bultoonni argamanitti daawwachiiseera.

Bakka Bu’aan Daarektara Olaanaa Giddugala Qorannoo Qonnaa Amboo Dr. Salamoon Yilmaa akka jedhanitti, giddugallichi Godina Giddugala Oromiyaa Anaalee adda addaa keessatti midhaan gosa gara garaa misoomsaa jiraachuu himaniiru.


Giddugalichi fayyadamummaa qonnaan bultootaa dabaluuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Itti Gaafatamtuu kutaa Ekisteenshinii Giduggala Qorannoo Qonnaa Amboo Aadde Yeenenesh Dhugumaa akka damee Ekisteeshinichaatti hojii kanaanis qonnaan bultoonni abbootii warraa 500 fayyadamaa ta’aa jiraachuu himuun, hojiin kilaastara sanyii xaafii babal'isuu Aanaa Dandiitti hojjetamee daawwannaaf dhiyaate kunis isa tokkodha jedhan.

Giddugala Qorannoo Qonnaa Ambootti Itti Gaafatamaa kutaa Sanyii baayisuu Obbo Lammaa Dirribaa Giddugalli Qorannoo Qonnaa Amboo fedhii dhiyeessii sanyii filatamaa qonnaan bulaan barbaadu guutuuf sanyiiwwan gosa gara garaa oomishtummaa dabalan 6 qorannoon mirkaneessee qonnaan bultoota biraan qaqqabsiiseera jedhaniiru.


Godina Giddugala Oromiyaa Aanaa Dandiittis sanyiin Xaafii haaraa Barakat jedhamu qonnaan bultootaaf kennnuun bu’a qabeessummaan isaas sadarkaa gaarii irratti argama jiraachuus himaniiru.

Qonnaan bultoonni ooyiruun isaanii daawwatames, giddugalichi galtee qonnaa fi gorsa ogummaa nuuf taasiseen aadaa qonnaa duubatti hafaa irraa gara kilaastaraatti waan nu ceesiseef callaa gaarii abdanna jedhaniiru..

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015