Finfinnee- Waltajjii mul’ata waloo, tumsaa fi misooma Afriikaa! - ENA Afaan Oromoo
Finfinnee- Waltajjii mul’ata waloo, tumsaa fi misooma Afriikaa!
Onkoloolessa 25/2019 (ENA) – Afriikaan harka walqabattee yoo dhaabbatte ni jabaatti, waloomaan yoo hojjettu ni guddatti, waloomaan yoo murteessitucarraashee egeree ni bocci.
Finfinneen mana waloo taatus amma dhihoo kanaatti sadarkaa ardiitti waltajjiiwwan hedduun keessatti qophaa’anii hin beekan.
Sababnisaas hanqina bu’uraalee misoomaa magaalittii fi ammayyaa’uu dhabuu akkasumas dhaabbileen tajaajilaa mijataan waan hin jirreefi.
Hir’uu kana guutuu fi gama hundaanuu Finfinnee wiirtuu hawattuu gochuuf hojiin waggoota muraasa keessatti hojjetaman bu’aalee hedduu nutti agarsiisaa jira.
Bu’uraaleen misoomaa gurguddoon yeroo gabaabaa keessatti ijaaramanii fi dhaabbileen tajaajilaa ammayyaa jiraachuun magaalattiin turizimii konfaransii filatamtuu ishee taasiseera.
Finfinneen yaa’iiwwan ardii fi idil-addunyaa kuma kudhaniin lakkaa’aman keessummeessuu akka dandeessu agarsiisaa jirti.
Torban kana keessa mata duree “guddinaaf hogganuu, paartileen siyaasaa qiyyaastota carraa egeree dinagdee Afriikaa ta’anii” (Governing for Growth: Political Parties as Architects of Africa’s Economic Future) jedhuun yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa Onkoloolessa 26 amma 28 bara 2019 golambaa yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffama.
Yaa’iin kun Finfinneen yaadamnii fi ilaalchonni garagaraa kan itti walitti dhufan, Afriikaa fi addunyaaf furmaanni kan itti barbaadaman wiirtuu nagaa, dippilomaasii fimarii ta’iishee cimsa.
Kana malees Finfinneen tokkummaa fi carraan waloo Afriikaa kan itti adda bahu, bakka walitti dhufeenya mul’ata waloo, cimina tumsaa fi badhaadhina walof galma taatee fulla’uushee agarsiisa.