Tamsaasa Kallatti:

Dinagdeen keenya qormaatilee akka damdamatu,dursanii qophaa’uu fi filmaata bal’isuud murteessaadha-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 25 /2019 (ENA)-Dinagdeen keenya danda’aa ta’ee qormaatilee uumamaa fi Namtolchee akka damdamatu, dursanii qophaa’uu fi filmaattota bal’isuun murteessaa ta’uu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin eragaa dabarsaniin, Baaleetti raawwii qonna gannaa daawwachuusaanii beeksisaniiru.

Ganna baranaa hanqinni roobaa jiraatus mootummaa fi ummanni dursee qophii gochuusaaniin raawwiin gaariin galmaa’eera jedhan.

Dinagdeen keenya danda’aa ta’ee rakkoolee uumamaa fi namtolchee akka damdamatu,dursanii filmaata bal’isuun dirqama jdhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015