Hojiin mala haaraa oomishni waliigalaa biyya keessaa ittiin shallagamu imaammata dinagdee fooyya’aa bocuu fi karoora misoomaaf ni gargaara - ENA Afaan Oromoo
Hojiin mala haaraa oomishni waliigalaa biyya keessaa ittiin shallagamu imaammata dinagdee fooyya’aa bocuu fi karoora misoomaaf ni gargaara
Onkololeessa 25/2019 (ENA) : Hojiin shallaggii oomisha waliigalaa biyya keessaa (GDP) dhaabbataa taasisuu imaammata dinagdee fooyya’aa bocuufi karoora misoomaa fooyya’aa ta’eef gargaara jedhan Ministirri Maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa.
Ministeerri Tarsiimoo biyyaalessaa fi Tajaajilli Istaatiksii Itiyoophiyaa waliin ta’uun mala haaraa oomishni waliigalaa biyya keessaa ittiin shallagamu ifoomsaniiru.
Ministirri Ministeera Maallaqaa Doktar Fitsum Asaffaa, hojii guddaan kun ogeeyyii biyya keessaan kan hojjetame waan ta’eef birmadummaa Istaatiksii mirkaneessuu akka danda’e ibsaniiru.
Odeeffannichi kan idil-addunyaan walbira qabamuun fi haala amansiisaa ta’een kan hojjetame ta’uu kaasanii, hammattoon fooyya’e kun imaammata Fiiskaalaafi Maallaqaaf akkasumas qabeenya biyya keessaa walitti qabuuf akka deeggaru eeraniiru.
Malli kunis bara 2019 irraa eegalee hojiirra oola jedhameera.
Kana dura haalli shallaggii odeeffaannoo diinagdee haaraa kan hamate waan hin turree fi mala moofaan shallagamaa turuu ibsaniiru.
Shallaggiin haaraan ragaalee dhiyeenyaa kan hammatee fi haala diinagdee waqtaawaa kan ibsu ta’uu eeran.
Bara baajataa 2017tti bara bu’uuraa haaraa fayyadamuun GDP'n Itiyoophiyaa irra deebiin yeroo shallagamu guddinni diinagdee biyyattii gara birrii tiriliyoona 24.03 akka guddate akeekaniiru.
Akkasumas bara bajataa 2018tti guddinni diinagdee biyyattii gara birrii tiriliyoona 31.86tti ol guddachuusaa ibsaniiru.
Shallaggiin kun haala dinagdee Itiyoophiyaa yeroo ammaa jiru kan agarsiisu, karooraa fi imaammata mootummaan galtee sirrii ta’uu isaaa, akkasumas qaamolee michuu waliin marii fi waliigaltee taasiftu keessatti dandeettii marii dabaluuf faayidaa olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Sagantaa kana irratti Ministirri Tarsiimoo Biyyaalessaa obbo Barakat Fissahaatsihoon,, Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofeesar Biraanuu Naggaa, Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Iyyoob Takkaallinyii fi hoggantoonni olaanoo biroo argamaniiru.
#Mootummaa Ida’amuu
#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links