Tamsaasa Kallatti:

Magaalaa Shaggar keessatti inisheetivoota misooma qonnaa adda addaa hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessu galmaa’aa jira – Kantiibaa Tashoomaa Addunyaa(PhD)

Onkololessa 25/2019(ENA): Magaalaa Shaggar keessatti jalqabbii inisheetivoota misooma qonnaa adda addaa hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaan fayyadamummaa ummataa mirkaneessu galmaa’aa jira jedhan Kantiibaan magaalichaa Tashoomaa Addunyaa(PhD).

Keessattuu damee qonnaa, barnoota, fayyaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu isaanii ibsaniiru.

Kanaafuu hojiin fedhii misoomaa magaalichaa deebisuu fi fayyadamummaa mirkaneessuu cimee itti fufa jedhaniiru.


 

Jijjiirama gurguddaa magaalaa keenya keessatti fiduuf jalqabbii inisheetivoota qonnaa, jalqabbii inisheetivoota barnootaa, fayyaa, teeknooloojii fi kanneen biroo hojiirra oolaa jiru jedhan.

Wabii nyaataa mirkaneessuuf oomisha baay’inaan fi bal’inaan oomishuun barbaachisaa ta’uu cimsanii kan ibsan kantiibaan kun, misooma qamadii, midhaan gosa adda addaa fi muduraa fi kuduraa irratti xiyyeeffannaan addaa kennamaa jira jedhan.

Misooma qamadii yeroo idilee fi jallisii Bonaa hojiirra oolchuun nyaataan of danda’uu guddisuuf tattaaffiin taasifamu cimee jira jedhan.


 

Magaalaa Shaggar keessatti qamadiin bal’iaan akka omishamaa jiru eeruun,fakkeenyaaf kanaan dura osoo Shaggar hin hundeeffamiin qamadiin kuntaala kuma 500 hin caalle ture yeroo ammaa waggaatti qamadii kuntaala miliyoona dhibba sadii omishuun danda’ameera jedhan Dr. Tashoomaa Addunyaan.


 

Akkuma midhaan nyaataan hojiin bal’aan hojjetamaa jiru, jalqabbii misooma aannanii, horsiisa looniifi furdisni loonii bu’aa qabatamaa fidaa jira jiradhan.

keessumaa qonna ammayyeessuun Shaggar keessatti sheedii kuma 20 ol ijaaramuun akka danda’ame himaniiru.


 

#Mootummaa Ida’amuu

#Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa

Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015