Tamsaasa Kallatti:

Carraawwan misoomaa Godinicha keessa jiran sirnaan itti fayyadamuun dinagdeedhaan of danda'uuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiru

Onkoloolessa 25/2019 (ENA)—Godina Kibba Baha Oromiyaatti carraawwan misoomaa jiran sirnaan itti fayyadamuu, humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gabbisuu fi omishtummaa dabaluudhaan dinagdeen of danda’uuf hojiiwwan dandeessisan hojjetamaa jiraachuun ibsame.

Hoggantoota Godina Kibba Baha Oromiyaatti argamaniif leenjiin karoora odf danda’uu hojiirra oolchuuf qophaa'e magaalaa Baalee Roobeetti kennamaa jira.


 

Kallattiiwwan tarsiimoo dinagdeen of danda’uu fi qajeeltoowwan bu’uuraa ilaalchisee leenjii kennamaa jiru kana irratti hoggantoonni mootummaa fi paartii naannoo, Godinawwanii, magaalotaa fi aanaalee hirmaataniiru.

Leenjichi hubannoo hoggansa gabbisuudhaan karooricha sadarkaa bulchiinsaa hundatti gara hojii qabatamaatti jijiiruuf qophii gahaa uumuu kan kaayyeffate ta’uun ibsameera.

Leenjichi mul’ata mootummaa ida’amuu gara hojiitti jijjiiruun, qabeenya keessaa, dandeettii waliinii fi carraawwan misoomaa jiran sirnaan itti fayyadamuu dhaan dinagdeedhaan of danda’uu mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatudha.


 

Sadarkaa itti Aanaa Pirezidaantti Naannoo Oromiyaatti bulchaan Godina kibba Bahaa oromiyaa Obbo Ahimad Idiriis wayita sana akka jedhanitti, karooricha galmaan gahuuf hoggantoonni karoora bu’aa irratti hundaa’e qopheessuudhaan hojiiwwan karoorfaman yeroo fi qulqullinaan raawwachuu akka qaban dhaamaniiru.

Akkaasumas hubannoo waliinii, qindoomina hojii, hirmaannaa uummataa fi itti gaafatamummaa cimsuun galma karoorichaa milkeessuuf murteessaa ta’uu ibsaaniiru.

Keessattuu carraawwan misoomaa Godinicha keessa jiran sirnaan itti fayyadamuu, humna namaa beekumsaa fi dandeettiin gabbisuu, omishtummaa dabaluu, Indastiriyaalaayizeeshiinii babal’isuu fi sirna itti gaafatamummaa qabu diriirsuun dhimmoota xiyyeeffannoon kennamuuf ta’uun ibsameera.

Leenjicha booda hirmaattoonni hubannoo argatan hojiirra oolchuudhaan karoorichi sadarkaa hawaasaa fi maatiitti bu’aa qabatamaa akka fidu qooda isaanii akka bahan ni eegama.

Kilasteera Robeetti leenjii hoggansaa kennamaa jiru irratti hoggantoonni naannoo, godinaa fi aanaalee irraa walitti babahan sadarkaa sadarkaan jiran hirmaachaa jiru.

See less

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015