Karoora of danda’uu milkeessuuf carraawwan misoomaa jiran gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun hojjetamuu qaba- Doktar Mangistuu Baqqalaa - ENA Afaan Oromoo
Karoora of danda’uu milkeessuuf carraawwan misoomaa jiran gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun hojjetamuu qaba- Doktar Mangistuu Baqqalaa
Onkoloolessa 25/2019 (ENA): Karoora of- danda’uu milkeessuuf carraawwan misoomaa jiran gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun fayyadamummaa uummataa dabaluuf hojjetamuu qaba jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Oromiyaatti Bulchaan Godina giddu galeessa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa.
Godina Giddu Galeessa Oromiyaatti karoora of-danda’uu irratti kan xiyyeeffate leenjii hooggantoota paartii fi mootummaa sadarkaa garaagaraatiif kennamaa jira.
Leenjiin kun kaayyoo karoora of-danda’uu, bu’uura yaadama ida’amuu, akkasumas qabeenya, carraalee fi dandeettii jiran sirnaan fayyadamuun ce’umsa hunda galeessaa fi badhaadhina waaraa mirkaneessuu irratti hubannoo hoggantootaa cimsuuf kan qophaa’eedha.
Saganticharratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Oromiyaatti Bulchaan Godina giddu galeessa Oromiyaa Doktar Mangistuu Baqqalaa ergaa dabarsaniin karoora of danda’uu milkeessuun hirkattummaa keessaa ba’uun jireenya uummataa fooyyessuun murteessaadha jedhaniiru.
Ijaarsa biyyaa keessatti adda durummaan gahee bahachuuf hoggantoonni karoora of danda’uu sirriitti hubatanii milkeessuuf qindoominaan hojjechuu akka qaban hubachiisan.
Hirmaattonni leenjiichaa karoora of-danda’uu gara hojii qabatamaatti hiikuun, qabeenya jiru bu’aa qabeessa taasisuun, oomishtummaa guddisuun, hirmaannaa uummataa cimsuufi sirna cimaa ijaaruun galma karoorichaa milkeessuuf gahee isaanii bahachuu akka qabanis dhaamaniiru.