Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti Inisheetiivii misooma muuzii babal’isuudhaan badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojjetamaa jira

Onkoloolessa 24/2019(ENA)- Gareen hoggansa hogganaa Waajjira Qonnaa Godina Lixa Oromiyaa Obbo Lulluu Qixxaataa durfamu fi hoggansi Sadarkaan jiru Aanaa Leeqaa Dullachaa fi Guutoo Giddaatti Oomisha Kilaastara Muuzii erga daawwateen booda dabalataanis lafa qoohaa'erratti muuzii dhaabaniiru.

Inisheetiviin misooma Muuzii oomishtummaa guddisuu, galii qonnaan bultootaa dabaluu, carraa hojii bal’isuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi hirkattummaa hir’isuun badhaadhina sadarkaa maatii fi biyyaatti mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta'uu Obbo Lulluun wayita kana ibsaniiru.

Hogganaa I/A'n Waajjira Qonnaa Godina Lixa Oromiyaa Obbo Fayisaa Hambisaa daawwannicha irratti Aanaa Gullisootti inisheetiivii haaraa Misooma baala Shaayii irraa hawaasa fayyadamoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Haala Kanaan Biqiltuuwwan Baala Shaayii kuma 600 misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu fi hanga ammaatti Poliiteriin kumni 150 biyyoon guutamaniiru jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015