Sagantaan Daawwaannaa fi Muuxannoo wal-jijjiirraa hojii misoomaa gaggeeffame - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan Daawwaannaa fi Muuxannoo wal-jijjiirraa hojii misoomaa gaggeeffame
Onkololeessa 23/2019 (ENA) - Godina giddu gala Oromiyaa Aanaa Waacaaleetti Sagantaan Daawwaannaa fi Muuxannoo wal-jijjiirraa hojii misoomaa gaggeeffameera.
Godina giddu gala Oromiyaa Aanaa Waacaaleetti, qonna gannaatiin ganda usmaaniitti oomisha xaafii fi qamadii kilaastaraan facaafamee misoomaa jiru hooggantoota sadarkaa adda addaa fi qonnaan bultootaan daawwatameera.
Aanichatti Oomishaa fi Oomishtummaa qonnaan bultootaa dachaan dabaluuf qonnaan bultoonni teekinoloojjii qonnaatti madaqsanii, qonnaa ammayyeessun hojii hojjatamaa jiruun milkaa'inni guddaan argamaa jiraachuu Bulchaan Aanaa Waacaalee obbo Salamoon Abbabaa himaniiru.
Qonnaan Bultoonni oomisha argatan sirnaan fayyadamuu fi qusachuun jiruu fi jireenya isaanii bu'uura irraa jijjiiruudhan badhaadhinaa eegalame milkeessuu qabdu jedhaniiru.
Imala karoora of-danda’uu milkeessuf qonna gannaa bara 2018 tin gandoota garaagaraa keessatti meeggaa kilaastarii hundeessun midhaan sanyiiwwan gosa garaagaraan facaafamee hojjetamaa jiruun callaa gaarii kan abdatamu ta'uu itti Aanaa bulchaa fi itti Gaafatamaan waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Waacaalee obbo Darajjee Nugusuu ibsaniiru.
Fuldurattis qonnaan bultoonni hundi bifa wal fakkaatun cimee hojjechuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee oomisha gabaa Addunyaaf barbaachisu dhiheessuuf hojjechuu qabdu jedhaniiru obbo Darajjeen .
Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf tarsiimoo misooma qonnaa mootummaan gadi buuse hordofuudhan gorsaa fi hubannoo ogeessa qonnaa irraa argataniin lafa isaanii kilaastaraan xaafii fi qamadii facaasanii milkaa'aa kan jiran ta'uu qonnaan bultoonni gandichaa ibsaniiru.
Koomunikeeshinii Aanichaarraa.