Bonaa ganna oomishuun karoora of-danda'uu dhugoomsuuf bu'uuradha - Obbo Indaalkaachoo Tafarii - ENA Afaan Oromoo
Bonaa ganna oomishuun karoora of-danda'uu dhugoomsuuf bu'uuradha - Obbo Indaalkaachoo Tafarii
Onkololeessa 24/2019 (ENA) – Itti Aanaa Bulchaa fi Hogganaan damee misoomaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii lafa misoomaaf oolu mara bonaa ganna misoomsuun karoora ofdanda'uu qabanne dhugoomsuuf bu'uura ta’uu ibsan.
Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Cooraatti facaasaan qamadii jallisii bonee eegalameera.
Bara kana godinichatti lafa hektaara kuma 700 ol qamadii jallisii bonaatiin misoomsuuf karoorfamee hojiitti seenamuun dhibbentaa 60 ol qotamuusaa eeraniiru.
Qonnaan bultootni aanichaa lafa ganna darbe midhaan adda addaatiin misoomsanirraa caallaa galfachuun qamadii jallisii irratti facaasaa jiru.
Waggoottan darban qamadii bonaa misoomsaa turaniin fayyadamoo diinagdee ta’uu isaaniitiin bara kanas kilaasteraan facaasaa jiraachuu himaniiru.
Bulchaan Aanaa Cooraa Obbo Mustajiib Aliiyyii aanichatti bara kana lafa hektaara kuma 23 ol qamadii jallisii bonaa kilaasteraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Qonna keenya ammayyeessuuf ammoo fayyadama makanaayizeeshinii dabaluuf kilaasteraan misoomsuun kan hojjetamu ta’uu ibsuun kanaafis dhiheessiiwwan barbaadaman guutamaa jiraachuu himaniiru.
Lafa jallisii jiru mara oomishaan uwwisuuf paampiiwwan bishaan harkisan kuma 20 ta'aninis fayyadamuun oomisha qonna bonaarraa argamu guddisuuf hojjetama jedhaniiru.