Itoophiyaatti Hojii raawwachiisaa olaanaa Huwaawwee (CEO) waliin Marii bu'aa qabeessa taasifneerra -obbo Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaatti Hojii raawwachiisaa olaanaa Huwaawwee (CEO) waliin Marii bu'aa qabeessa taasifneerra -obbo Tamasgeen Xurunaa
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaatti yeroo dhihoo hojii kan eegale hojii raawwachiisaa olaanaa Huwaawwee / Huawei/ (CEO) Eriik Yuan waliin Marii bu'aa qabeessa taasifneerra jedhan Itti aanaan ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa.
Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin akka ibsanitti, Mariisaaniin Mootummaan imala dijiitaala Itoophiyaa cimsuu fi saffisiisuuf hojjechaa jiru baay'ee kan jajjabeeffamu ta’uu hojii raawwachiisaa olaanaan kun naaf ibsaniiru jedhan.
Huawei-n mul'ata dijitaalaa Itoophiyaa fi kaayyowwan guddina biyyaalessaa keenya galmaan ga'uuf tattaaffii taasifnutti, keessattuu bu'uura misooma ICT fi damee qunnamtiin gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhaniiru ergaasaaniin .
Imala Dijitaalaa Itoophiyaa 2030 keessattis ‘Huawei’ waliin , dhimmoota hojjetamu irratti mari'anneerra jedhaniiru.
Yeroo ijaarsi diinagdee dijitaalaa keenya tarkaanfiin guddaa deemaa jiru kanaatti, ‘Huawei-n’ guddinichaaf gahee irraa eegamu akka ba'uu fi walitti dhufeenya hojii keenya cimsuun akka itti fufnu waliif galteerra jedhaniiru.