Qaroomina Itoophiyaa ijaaruuf guddina waliigalaa mirkaneessuu qabna – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Qaroomina Itoophiyaa ijaaruuf guddina waliigalaa mirkaneessuu qabna – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Onkololeessa 21/2019 (ENA): Qaroomina Itoophiyaa ijaaruuf guddina waliigalaa mirkaneessuu qabna jechuun Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Gaggeessitoonni Mootummaa Ida’amuu leenjii waraanaa Hursootti fudhachaa jiru.
Ministirri Muummee fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Qaroomina Itoophiyaa ijaaruuf guddina waliigalaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.
Guddinni waliigalaa jechuun guddina qabeenyaa fi hafuuraa, guddina aadaa fi naamusaa kan of keessatti hammateedha kan jedhan ministirri Muummee , kanaaf immoo gaggeessaan qophii waliigalaa qabaachuun irra jiraata jedhaniiru.
Qaamaan kan gahoome, naamusaan kan jabaate, beekumsaan kan qaxalee kan ta’e, ogummaan kan bilchaate akka ta'u kan eegamu ta'uu ibsanii, keessumaa miirri jaalala biyyaa fi Aantummaa ummataatiin dirqama isaa akka ba’u imaanaan biyyaa cimaa ta'uu eeraniiru.
Saayinsiin waraanaa, muuxannoonii fi kaayyoo jireenyi fi eenyummaa namaa bocuu keessatti dorgommiin hin qabu kan jedhan Ministirri Muummee , ilmi namaa qaamaanis, hafuuraanis, naamusaanis, hojiinis naamusa akka qabaatu taasisuun dhaloota horachaa tureera jedhaniiru.
Eenyummaa alaa fi keessaa qajeelfamee bocuun gaggeessitoota gurguddoo horateera jedhaniiru.
Dirqama gahumsaan ba’uu, miira aantummaan tajaajila kennuu; naamusa hojii bocuu; kaayyoo waliinii waliin milkeessuu; qophii yeroo hunda; caasaadhaan gaggeessaa horachuu; itti gaafatamummaa fi gaafatamummaa; gubbaatii hanga gadiitti wal-hubachuun kaayyoo milkeessuu, fi kanneen kana fakkaatan duudhaawwan saayinsii waraanaa fi muuxannoo irraa fudhatamuu danda’anidha jedhaniiru.
Tarsiimoo gurguddaa qaroomina Ida’amuu hojiirra oolchuuf, beekumsa, dandeettii fi muuxannoo saayinsii waraanaa fi jireenyaa irraa argannu qabna jedhaniiru.
Keessumaa immoo yaada tokkoon walii galuu, naannoo haala gaariitti fayyadamuu; ummata walitti fufiinsaan kaayyoo fi gochaaf kakaasuu; waadaa ummataaf galle haala gaariitiin galmaan ga’uu, caasaa gadii hanga oliitti jiru kaayyoo biyyaatiif milkeessuu; biyya itti gaafatamummaadhaan bulchuu; biyya kamiifuu hin jilbeeffanne biyya jabaa ijaaruu; dhaloota bakka bu’u horachuu fi nagaa biyyaa yeroo hundaa mirkaneessuu kan jedhan yaadota stiraateejichaa sirriitti hubachuufis ta’e hojiirra oolchuuf leenjiin waraanaa gahee olaanaa taphata jedhaniiru.
Loltuun galma murtaa'e tokko rukkutuu irratti xiyyeeffata; siiviilonni immoo kaayyoo bal'aa galmaan ga'uuf hojjetu garuu ammoo galma gama lamaanuu walsajjisiisuun kaayyoo rukutuus, kaayyoo isaas kan milkeessu dhaloota ni uumna jedhaniiru ministirri Muummee ergaasaniin .