Dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuufi karoora of danda'uu milkeessuuf qindoomina, gurmaa'insa Mootummaafi Paartii cimsuun hojjetamuu qaba- Obbo Mahammad Guyyee - ENA Afaan Oromoo
Dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuufi karoora of danda'uu milkeessuuf qindoomina, gurmaa'insa Mootummaafi Paartii cimsuun hojjetamuu qaba- Obbo Mahammad Guyyee
Onkoloolessa 20/2019(ENA)- 'Dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuu fi karoora of danda'uu milkeessuuf qindoomina, gurmaa'insa Mootummaa fi Paartii cimsuun akka hojjetamu itti Aanaa Kantiibaa fi qindeessaan kilaastara tajaajilaa Obbo Mahammad Guyyee ibsan.
Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti gamaggamni raawwii hojii mootummaa fi Paartii kurmaan 1ffaa bara 2019 Kilaastara Sabbataa bakka hooggantootni sadarkaan jiranii fi dhimmamtootni argamaniitti Kutaa Magaalaa Sabbataatti gaggeeffamaa ture xumurameera.
Itti Aanaa Kantiibaafi Qindeessaan Kilaastara Tajaajilaa Obbo Mahammad Guyyee gamaggama kurmaana 1ffaa taasifneen olaantummaa yaadama Paartii badhaadhinaa lafa qabsiisuun hojii misoomaa, nageenyaa, hawaasummaa fi dinagdee akkasumas siyaasaa hojjetaman bu'aa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuusaanii ibsaniiru.
Magaalaa Shaggaritii galmoonni Wabii nyaataa mirkaneessuu, ogummaa dagaagsuu, dhawweessummaa babal'isuu fi kenna tajaajilaa fooyyeessuu, carraa hojii uumuuf hojiilee kurmaana 1ffaatti hojjetaman gamaggamichaan xinxalamaniiru jedhan.
Hojiileen gama misoomaa, hawaasummaa, bu'uuraalee misoomaa fi kenna tajaajila lammummaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf magaalichatti hojjetamanis akkasuma.
Gabaasa raawwii hojii kurmaana 1ffaa Magaalaa Shaggar keessatti, dameewwan qonnaa, fayyaa, barnootaa, galii sassaabuu fi carraa hojii uumuu irratti bu'aawwan garaagaraa galmaa'uun ibsameera
.
Galiin birrii biliyoona 14 sassaabamuu, Lafti hektaara kuma 91 fi 421 qotamu, hektaara 71,387 ammoo tiraaktaraan qotamuu, Inisheetiiviiwwan qamadii, beeyladaa, lukkuu fi sheediwwanii babal'isuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamuun ibsameera.
Keellaa fayyaa 14 fi manneen qorichaa hawaasaa 3 ijaaramaniiru, Miseensonni inshuraansii fayyaa kuma 52 fi111 horatamuun eerameera.
Barattoonni kuma 462 fi 322 galmaa'uu fi Manneen barnootaa Bu'uura Boruu 66 fi sadarkaa 1ffaa 8 ijaaramuun ibsameera.
Sagantaa hojii lammummaa keessatti birrii biliyoona 12. Tuqaa 503 olitti tilmaamamuun hojii hojjetamuu fi dargaggoota hojii barbaadan kuma 64 fi 144'f carraan hojii uumamuun kaafameera.
Dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuu fi karoora of danda'uu milkeessuuf qindoomina mootummaa fi paartii cimsuuf akka hojjetamu Obbo Mahammad Guyyee ibsaniiru.
Itti gaafatamaa waajjira Magaalaa galii Shaggar Obbo Malkaamuu Ambaawu galii mootummaa guutummaatti sassaabuu, maddoota galii jiran sirnaan fayyadamuu, al-seerummaa dhabamsiisuu fi waadaa ummataaf galame hojii qabatamaatti jijjiiruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.